< Ugalantiyawa 2 >

1 Na akus likure nin na nas nnin kata, nkuru in ghana u Urushalima nin Barnabas, in yira Titus ku ti gya ligowe.
Ani waggaa kudha afur booddee deebiʼee Yerusaalemitti ol baʼe; ani yeroo kana Barnaabaas wajjinin ture. Tiitoo illee of duukaa fudhadhee dhaqe.
2 Nwa ghana ndo bara na Kutellẹ wa dursoi ndo. Nwa durso nani kanang uliru tucu ulenge na ndin bellu kitik nalumai. ( Nwa su ulirẹ likot nan nadidya mine). Bara katwa ninghe na imalsu, nin ka na nma kuru nsu wa so hem.
Ani mulʼataanin ol baʼe; wangeela Namoota Ormaa gidduutti lallabus isaaniif nan ibse. Kanas akka fiigichi koo kan duraa, kan ammaas akkasumaan hin hafne waan sodaadheef kophaatti warra dura buʼoota fakkaatanittin hime.
3 Ko ame Titus na awadi ninmi, na awadi ku Hilinawa, iwa tighe akala kucuhru gbas. Nani wa se nani,
Garuu Tiitoon inni ana wajjin ture iyyuu utuma nama Giriik taʼee jiruu akka dhagna qabatu hin dirqisiifamne.
4 Bari nuana kinu na iwa dak likire ida idayen lissosin limang bit na tiwa dimun nan nya Kristi Yisa. Iwa dinin su iti nari tiso acin kiti nduka.
Kunis sababii obboloota sobaa tokko tokko bilisummaa nu karaa Kiristoos Yesuusiin arganne basaasuu fi nu garboomfachuuf dhokatanii nu gidduu galaniif taʼe.
5 Na arik nani ati kitimine ba ko nin kubiri båt, bara kidegen nlirun tuchu nan so kitimine sa ukpillu.
Nus akka dhugaan wangeelaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne.
6 Inung alenge na among na woro inughere anan bune na ina su imonmonba. Sa iwa di iyaghari kiti nin na imonmonari ba. Na Kutellẹ din sesu imon ile na idin su kibinayi nnit usurne ba.
Waaʼeen warra gurguddaa fakkaatan sanaa yoo isaan waanuma fedhan taʼan iyyuu anaaf homaa miti; Waaqni fuula namaa ilaalee nama wal hin caalchisu; namoonni kunneen ergaa koo irratti waan tokko hin daballe.
7 Bara nani wang mere ina ni ulirun tuchue udu kiti na nan nacuru, nafo Bitrus na iwa nigne ucindu kiti na nan kalzu nacuru.
Karaa kaaniin immoo isaan akkuma Phexros warra dhagna qabatanitti wangeela lallabuuf imaanaan itti kenname sana, anis akka warra dhagna hin qabannetti wangeela lallabuuf imaanaan natti kenname argan.
8 Bara Kutellẹ, na anasu kata nan nya Bitrus gono kadura kiti nalenge na ina kalza acuru nanere wang ana su katwa nan nya ning udu kiti nalumai.
Waaqni akka Phexros ergamaa taʼee warra dhagna qabatan tajaajilu hojjete sun akka anis ergamaa taʼee Namoota Ormaa tajaajilu hojjeteeraatii.
9 Na iwa yinnin ubollẹ na Kutellẹ nasui, Yakub, Kefas, nin Yuhana, alenge na iwa yiru nani adidya liyissin wa Barnabas ku nin mi ucara ncine lidondong. Bara arik nan do kiti nalumai inung do kiti na nan kalzu nacuru.
Yaaqoob, Keefaa fi Yohannis warri akka “Utubaatti” ilaalaman sun yommuu ayyaana naa kenname hubatanitti anaa fi Barnaabaasiif harka mirgaa kan tokkummaa kennanii akka nu gara Namoota Ormaa deemnu, isaan immoo akka gara warra dhagna qabatanii dhaqan walii galan.
10 Tutung iwa di ninsu ti lizinin nin nikimon, imon ilenge na meng wang wadi nisu nsure ine kang.
Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha.
11 Kubi ko na Kefas wa dak Antakiya, Nwa yisin nmuro me nbellinghe uliru bara na awa tån.
Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme.
12 Kefas wa din lizu nimonli nin nalumai, a among anit unuzu kitin Yakub dutu sa udak. Na anit ane nda, a wunno kidowo anin tasa ligome nin na Lumaiye, bara fiu nanit ale na inamalu kalzu nacuru mine.
Utuu jarri tokko Yaaqoob biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe.
13 Nanere wang ngisin na Yahudawẹ wa dofin Kefase ku nan nya nrusuzu nati. Nanere Barnabas wang litime wa dofin nani nan nya kani karusuze.
Yihuudoonni kaanis itti fakkeessummaa isaa duukaa buʼan; Barnaabaas iyyuu itti fakkeessummaa isaaniitiin dogoggorfamee ture.
14 Na nwa nin yene nwo na idin dortu kidegen nliru tucuba, Nbelle Kefase ku nbun mine vat, ''Andi fe na udi ku Yahudawa umini sosin nafo kilumai na nafo ku Yahudawa ba, iyizari udin tizzu Alumai iso nafo a Yahudawa?''
Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa wangeelaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; “Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?
15 Arike na tidi a Yahudawa unuzu kumat a na ''Alumai yari anan nalapi ba.''
“Nu dhalootaan Yihuudoota malee Namoota Ormaa cubbamoota miti;
16 Yinnon nenge na umong unit duku na ama sortu nacara nkul bara katwa nin dortun duka ba se nin yinnu sa uyenu nan nya Yisa Kristi. Tina dak nan nya in yinnu sa uyenu in Kristi Yisa bara tina se usurtu unuzun in yinnu sa uyenu nan nya Kristi na nin nitwa nduka ba, bara kusari nduka na unan lai urum ba surtuba.
namni Yesuus Kiristoositti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Kiristoos irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.
17 Vat nani andi konene tiba pizuru Kutellẹ tinan se usurtu nan nya asa tise atibite anan nalapi, Kriste nso unan katwa kulapï? Na nanere ba!
“Egaa nu utuu karaa Kiristoosiin qajeeltota taasifamuu barbaannuu nu mataan keenya iyyuu cubbamoota taanee yoo argamnee Kiristoos tajaajilaa cubbuuti jechuudhaa ree? Kun gonkumaa akkas miti!
18 Bara andi meng ba kuru in wutu kimal ln yinnu nin duka tutung, uyinnu ule na ina nari, meng so unan patulu nduka.
Ani yoon waanan diige deebisee ijaare akkan seera cabsituu taʼen mirkaneessa.
19 Bara nan nya nduka, meng na ku kulin duka, nnan so nin lai kiti Kutellẹ.
“Ani akkan Waaqaaf jiraadhuuf, karaa seeraatiin seeraaf duʼeeraatii.
20 Iwa kottini kitene kucca ligowe nin Kristi. Na mere nene ming litininghe ba, unin ulai ulenge na in dumun nan nya kidowo, nsosin nan nya in yinnu sa uyenu in Gono Kutellẹ, ule na ana ti usu ning anä litime bara meng.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
21 Na meng nati nin bollu Kutellẹ hem ba, bara adi uyiti nlau din nuzu ndukari, ukul in Kristi nso hem.
Ani ayyaana Waaqaa gatii hin dhabsiisu; utuu qajeelummaan karaa seeraatiin argamee Kiristoos akkanumaan duʼe jechuu dha kaa!”

< Ugalantiyawa 2 >