< ԳՈՐԾՔ ԱՌԱՔԵԼՈՑ 26 >

1 Այն ատեն Ագրիպպաս ըսաւ Պօղոսի. «Արտօնուած է քեզի՝ խօսիլ դուն քեզի համար»: Պօղոս ալ՝ երկարելով ձեռքը՝ ջատագովեց ինքզինք.
Agriiphaan Phaawulosiin, “Akka ati ofii keetiif dubbattu siif eeyyamameera” jedhe. Phaawulosis harkaan mallattoo kennee akkana jedhee falmachuu jalqabe;
2 «Ագրիպպա՛ս թագաւոր, ես երանելի կը համարեմ զիս, որ այսօր քու առջեւդ պիտի ջատագովեմ զիս՝ Հրեաներուն ինծի դէմ ըրած բոլոր ամբաստանութիւններուն համար.
“Yaa Agriiphaa Mooticha, ani sababii waan Yihuudoonni ittiin na himatan hunda falmachuudhaaf jedhee harʼa fuula kee dura dhaabadhuuf akka ayyaantuu tokkoottin of ilaala.
3 մա՛նաւանդ որ դուն լաւ գիտես Հրեաներուն բոլոր սովորութիւններն ու հարցերը: Ուստի կ՚աղերսե՛մ որ համբերատարութեամբ մտիկ ընես ինծի:
Kunis waan ati duudhaa fi wal mormii Yihuudootaa hunda keessa beektuufii dha. Kanaafuu ani akka ati obsaan na dhaggeeffattu sin kadhadha.
4 Բոլոր Հրեաները տեղեակ են իմ կենցաղիս՝ պատանութենէս ի վեր, սկիզբէն Երուսաղէմ՝ իմ ազգիս մէջ ըլլալուս համար.
“Ani ijoollummaa kootii jalqabee saba koo keessatti, Yerusaalem keessattis akkamitti akka jiraachaa ture Yihuudoonni hundinuu ni beeku.
5 անոնք սկիզբէն ի վեր կը ճանչնան զիս, (եթէ ուզեն վկայել, ) գիտնալով թէ ապրած եմ մեր կրօնին ամենէն խիստ աղանդին համաձայն՝ իբր Փարիսեցի:
Akka ani akka Fariisicha tokkootti akkuma sirna garee akka malee amantaa keenyatti cichu sanaatti jiraadhe isaanuu bara dheeraa waan na beekaniif, yoo fedhii qabaatan dhugaa baʼuu ni dandaʼu.
6 Եւ հիմա դատարան ներկայացած եմ ու կը դատուիմ՝ Աստուծմէ մեր հայրերուն եղած խոստումի յոյսին համար,
Ammas ani waadaa Waaqni abbootii keenyaaf gale sana waan abdadhuuf qoratamuuf dhiʼaadheen as jira.
7 որուն կը յուսան հասնիլ մեր տասներկու տոհմերը՝ ջերմեռանդութեամբ պաշտելով Աստուած գիշեր ու ցերեկ: Ես կ՚ամբաստանուիմ Հրեաներէն այս յոյսին համար, Ագրիպպա՛ս թագաւոր:
Waadaan kun isuma gosoonni keenya kudha lamaan halkanii guyyaa Waaqa tajaajiluutti jabaatanii raawwatamuu isaa arguu hawwan sanaa dha. Yaa Agriiphaa Mooticha, Yihuudoonnis sababuma abdii kanaatiif na himachaa jiru.
8 Ինչո՞ւ անհաւատալի կը թուի ձեզի՝ թէ Աստուած կը յարուցանէ մեռելները:
Akka Waaqni warra duʼan duʼaa kaasu isin maaliif akka waan hin amanamne tokkootti herregdu?
9 Ես ինքս ալ կը կարծէի թէ շատ բաներ պէտք էր ընել Յիսուս Նազովրեցիի անունին դէմ.
“Ani mataan koo iyyuu maqaa Yesuus nama Naazreetiitiin mormuudhaaf akka waan dandaʼamu hunda gochuu qabu nan amana ture.
10 եւ ըրի ալ Երուսաղէմի մէջ, ու քահանայապետներէն իրաւասութիւն ստացած՝ բանտարկեցի սուրբերէն շատերը, եւ հաւանութիւն տուի անոնց մեռցուած ատենը:
Wanni ani Yerusaalem keessatti hojjedhes kanuma; ani taayitaa luboota hangafoota irraa argadheen qulqulloota baayʼee mana hidhaatti naquu qofa utuu hin taʼin yeroo isaan ajjeefaman iyyuu dubbicha irratti walii galaan ture.
11 Բոլոր ժողովարաններուն մէջ յաճախ պատժելով զանոնք՝ կը հարկադրէի որ հայհոյեն, եւ սաստիկ խելագարած անոնց դէմ՝ կը հալածէի զանոնք մինչեւ անգամ օտար քաղաքներու մէջ»:
Anis akka isaan adabamaniif yeroo baayʼee mana sagadaa tokko irraa gara mana sagadaa biraatti darbaa, akka isaan amantii isaanii arrabsaniifis isaan dirqisiisaan ture. Ani waan akka malee isaanitti aaraa tureef hamma magaalaawwan biyya alaatti illee deemee isaan ariʼachaan ture.
12 «Այսպէս, երբ Դամասկոս ալ կ՚երթայի՝ քահանայապետներուն իրաւասութեամբ ու հրահանգով,
“Anis gaafa tokko kanumaaf jedhee taayitaa fi ergama luboota hangafoota biraa fudhadhee utuun Damaasqoo deemaa jiruu,
13 կէսօրին, ո՛վ թագաւոր, ճամբան տեսայ արեւէն աւելի պայծառ լոյս մը՝ որ երկինքէն փայլեցաւ իմ շուրջս, նաեւ ինծի հետ գացողներուն շուրջը:
yaa mooticha, ani utuman karaa deemaa jiruu gara saafaatti ifa ifa aduu caalaa ibsu tokko isaa samii irraa naannoo koottii fi naannoo warra na wajjin deemaniitti ibsu arge.
14 Երբ մենք բոլորս գետին ինկանք, լսեցի ձայն մը՝ որ կ՚ըսէր ինծի եբրայական բարբառով. “Սաւո՛ւղ, Սաւո՛ւղ, ինչո՞ւ կը հալածես զիս. տաժանելի է քեզի՝ աքացել խթանի դէմ”:
Hundi keenya lafatti kukkufne; anis sagalee afaan Ibraayisxiitiin ‘Yaa Saaʼol, yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta? Arfii wayii dhiituun suma miidha’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
15 Ես ալ ըսի. “Դուն ո՞վ ես, Տէ՛ր”: Եւ ան ըսաւ. “Ես Յիսուսն եմ, որ դուն կը հալածես:
“Anis, ‘Yaa Gooftaa ati Eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Gooftaanis deebisee akkana jedhe; ‘Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha.
16 Բայց կանգնէ՛ ու կեցի՛ր ոտքերուդ վրայ. որովհետեւ երեւցայ քեզի՝ որպէսզի կարգեմ քեզ սպասաւոր եւ վկայ թէ՛ այն բաներուն՝ որ տեսար, թէ՛ ալ այն բաներուն՝ որոնցմով պիտի երեւնամ քեզի:
Amma kaʼii miilla keetiin dhaabadhu. Ani akka ati tajaajilaa koo taatee, waaʼee koos waan argitee fi waan ani sitti mulʼisuuf jiru dhugaa baatuuf si muuduuf jedhee sitti mulʼadheera.
17 Պիտի ազատեմ քեզ այդ ժողովուրդէն ու հեթանոսներէն, որոնց հիմա կը ղրկեմ քեզ՝
Ani saba keetii fi Namoota Ormaa kanneen gara isaaniitti si ergu jalaa sin baasa.
18 անոնց աչքերը բանալու, խաւարէն՝ լոյսի, եւ Սատանայի իշխանութենէն՝ Աստուծոյ դարձնելու, որպէսզի անոնք ստանան մեղքերու ներում, նաեւ ժառանգութիւն անոնց հետ՝ որ սրբացած են հաւատալով ինծի”»:
Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’
19 «Ուստի, Ագրիպպա՛ս թագաւոր, ես անհնազանդ չեղայ այդ երկնային տեսիլքին:
“Kanaafuu yaa Agriiphaa Mooticha, ani mulʼata samii irraa dhufe sanaaf ajajamuu hin didne.
20 Հապա՝ նախ Դամասկոս եղողներուն, յետոյ Երուսաղէմ, ամբողջ Հրէաստանի երկիրը ու հեթանոսներուն քարոզեցի որ ապաշխարեն, դառնան Աստուծոյ, եւ ապաշխարութեան արժանավայել գործեր կատարեն:
Anis akka isaan qalbii jijjiirratanii gara Waaqaatti deebiʼaniif, qalbii jijjiirrachuu isaaniis akka hojiidhaan mirkaneessaniif jalqabatti warra Damaasqootti, warra Yerusaalemiitti, warra Yihuudaa guutuutti akkasumas Namoota Ormaatti lallabeera.
21 Այս պատճառով Հրեաները բռնեցին զիս տաճարին մէջ, ու կը ձգտէին սպաննել:
Sababiin Yihuudoonni mana qulqullummaa keessatti na qabanii na ajjeesuu yaalaniifis kanuma.
22 Սակայն Աստուծմէ հասած օգնութեամբ՝ մինչեւ այսօր ողջ մնացի, պզտիկին թէ մեծին վկայելով, ոչինչ ըսելով այն բաներէն դուրս՝ որ մարգարէները եւ Մովսէս խօսեցան թէ պիտի ըլլային.
Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Waaqaa qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan raajonnii fi Museen ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu.
23 թէ Քրիստոս պիտի չարչարուէր, ի՛նք պիտի ըլլար առաջինը՝ որ մեռելներէն յարութիւն պիտի առնէր, ու լոյս պիտի քարոզէր ժողովուրդին եւ հեթանոսներուն»:
Kunis akka Kiristoos dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha.”
24 Մինչ ան այսպէս կը ջատագովէր ինքզինք, Փեստոս բարձրաձայն ըսաւ. «Կը ցնորի՛ս, Պօղո՛ս. շատ կարդացած ըլլալդ քեզ կը խելագարեցնէ»:
Utuma Phaawulos akkasitti falmachaa jiruu Fesxoos sagalee guddaan, “Phaawulos, ati maraatteerta! Barumsi kee guddaan sun si maraachisaa jira” jedheen.
25 Պօղոս ալ ըսաւ. «Ես չեմ խելագարիր, պատուակա՛ն Փեստոս, հապա կ՚ըսեմ ճշմարտութեան ու խոհեմութեան խօսքեր.
Phaawulosis akkana jedhee deebise; “Yaa Fesxoos kabajamaa, ani hin maraanne; wanni ani dubbachaa jirus dhugaa dha; sirrii dhas.
26 քանի որ թագաւորը գիտէ այս բաները, եւ անոր առջեւ ալ համարձակութեամբ կը խօսիմ: Արդարեւ համոզուած եմ թէ ասոնցմէ ոչինչ թաքուն մնացած է իրմէ, որովհետեւ այս բանը անկիւնի մը մէջ եղած չէ:
Sababii mootichi waan kana beekuuf, ani ifatti baasee isatti himuu nan dandaʼa. Sababii wanni kun suuqatti hin hojjetaminiif ani akka waan kana keessaa tokko iyyuu isa duraa hin dhokatin nan amana.
27 Մարգարէներուն կը հաւատա՞ս, Ագրիպպա՛ս թագաւոր: Գիտե՛մ թէ կը հաւատաս»:
Yaa Agriiphaa Mooticha, ati raajota ni amantaa? Akka ati amantu ani iyyuu beeka.”
28 Ագրիպպաս ըսաւ Պօղոսի. «Քիչ մնաց որ համոզես զիս քրիստոնեայ ըլլալու»:
Agriiphaanis Phaawulosiin, “Ati yeruma gabaabaa keessatti Kiristaana na gochuu yaaddaa?” jedhe.
29 Պօղոս ալ ըսաւ. «Աստուծմէ պիտի խնդրէի որ ո՛չ միայն դուն, այլ նաեւ բոլոր անոնք՝ որ այսօր կը լսեն զիս, բոլորովին ինծի պէս ըլլան, այս կապերէն զատ»:
Phaawulosis deebisee, “Yeroo gabaabaattis taʼu dheeraatti, si qofa utuu hin taʼin akka warri na dhagaʼaa jiran hundinuu foncaa kanaan hidhamuu malee akkuma koo akka taʼan ani Waaqa nan kadhadha” jedhe.
30 Թագաւորը, կառավարիչը, Բերինիկէ, եւ անոնք՝ որ բազմած էին իրենց հետ՝ կանգնեցան.
Kana irratti mootichi, bulchaanii fi Barniiqeen, akkasumas warri isaan wajjin tataaʼaa turan ol kaʼan.
31 ու երբ առանձնացան՝ իրարու հետ խօսակցեցան եւ ըսին. «Այս մարդը մահուան կամ կապերու արժանի ոչինչ կ՚ընէ»:
Isaanis yeroo gad baʼanitti, “Namichi kun waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne” wajjin jedhan.
32 Ագրիպպաս ալ ըսաւ Փեստոսի. «Կարելի էր արձակել այս մարդը, եթէ բողոքած չըլլար կայսրին»:
Agriiphaanis Fesxoosiin, “Namichi kun utuu Qeesaaritti ol iyyachuu baatee silaa ni hiikama ture” jedhe.

< ԳՈՐԾՔ ԱՌԱՔԵԼՈՑ 26 >