< 撒迦利亚书 13 >

1 “那日,必给大卫家和耶路撒冷的居民开一个泉源,洗除罪恶与污秽。”
“Gaafas mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem cubbuu fi xuraaʼummaa irraa akka qulqulleessuuf burqaan tokko ni banama.
2 万军之耶和华说:“那日,我必从地上除灭偶像的名,不再被人记念;也必使这地不再有假先知与污秽的灵。
“Ani gaafas maqaa waaqota tolfamoo biyyattii keessaa nan balleessa; isaan lammata hin yaadataman” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Ani raajotaa fi hafuura xuraaʼummaa biyyattii keessaa nan balleessa.
3 若再有人说预言,生他的父母必对他说:‘你不得存活,因为你托耶和华的名说假预言。’生他的父母在他说预言的时候,要将他刺透。
Yoo namni tokko ammas raajii dubbate, abbaa fi haati isaa, warri isa dhalche, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin waan soba dubbatteef duʼuu qabda’ jedhuun. Yeroo inni raajii dubbatutti abbaa fi haati isaa warri isa dhalche isa waraanu.
4 那日,凡作先知说预言的必因他所论的异象羞愧,不再穿毛衣哄骗人。
“Guyyaa sana raajiin hundinuu sababii mulʼata raajii isaatiif ni qaanaʼa; inni gowwoomsuudhaaf wayyaa raajii kan rifeensa irraa hojjetame hin uffatu.
5 他必说:‘我不是先知,我是耕地的;我从幼年作人的奴仆。’
Inni, ‘Ani qotee bulaadha malee raajii miti; ijoollummaa kootii jalqabee namni na gurguree ture’ jedha.
6 必有人问他说:‘你两臂中间是什么伤呢?’他必回答说:‘这是我在亲友家中所受的伤。’”
Yoo namni tokko, ‘Madaan dhagna kee irraa kun maali?’ jedhee gaafate, inni, ‘Madaan kun madaa ani mana michoota kootti madaaʼee dha’ jedhee deebisa.
7 万军之耶和华说: 刀剑哪,应当兴起, 攻击我的牧人和我的同伴。 击打牧人,羊就分散; 我必反手加在微小者的身上。
“Yaa goraadee, tiksee kootti, nama natti dhiʼaatu sanatti kaʼi!” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ati tiksee rukuti; hoolonni ni bittinneeffamu; anis harka koo warra xixinnaatti nan deebifadha.
8 耶和华说:这全地的人, 三分之二必剪除而死, 三分之一仍必存留。
Lafa hunda irratti” jedha Waaqayyo, “Harka sadii keessaa harki lama rukutamee bada; taʼus harka sadii keessaa harki tokko achitti hafa.
9 我要使这三分之一经火, 熬炼他们,如熬炼银子; 试炼他们,如试炼金子。 他们必求告我的名, 我必应允他们。 我要说:这是我的子民。 他们也要说:耶和华是我们的 神。
Ani harka sadaffaa kana ibiddattin naqa; akkuma meetii baqsee isaan nan qulqulleessa; akka warqeetti isaan nan qora. Isaan maqaa koo ni waammatu; anis deebii nan kennaaf; ani, ‘Isaan saba koo ti’ nan jedha; isaan immoo, ‘Waaqayyo Waaqa keenya’ jedhu.”

< 撒迦利亚书 13 >