< 阿摩司書 5 >

1 以色列家啊,要聽我為你們所作的哀歌:
Yaa mana Israaʼel dubbii kana, faaruu booʼichaa kan ani waaʼee keessaniif booʼu kana dhagaʼaa:
2 以色列民跌倒,不得再起; 躺在地上,無人攙扶。
“Durbi qulqullittiin Israaʼel kufteerti; isheen lammata hin kaatu; biyyuma ishee keessatti gatamtee nama ol ishee qabu tokko illee dhabde.”
3 主耶和華如此說: 以色列家的城發出一千兵的,只剩一百; 發出一百的,只剩十個。
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Magaalaa loltoota kuma tokko Israaʼeliif bobbaafteef dhibba tokko qofatu hafa; magaalaa loltoota dhibba tokko bobbaafteef kudhan qofatu hafa.”
4 耶和華向以色列家如此說: 你們要尋求我,就必存活。
Waaqayyo mana Israaʼeliin akkana jedha: “Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;
5 不要往伯特利尋求, 不要進入吉甲, 不要過到別是巴; 因為吉甲必被擄掠, 伯特利也必歸於無有。
Beetʼeelin hin barbaaddatinaa; Gilgaal hin dhaqinaa; Bersheebaattis hin ceʼinaa. Gilgaal dhugumaan ni boojiʼamti; Beetʼeelis ni dhabamti.”
6 要尋求耶和華,就必存活, 免得他在約瑟家像火發出, 在伯特利焚燒,無人撲滅。
Waaqayyoon barbaaddadhaatii jiraadhaa; yoo kanaa achii inni akkuma ibiddaa mana Yoosef keessa baʼee haxaaʼaa; ibiddi sun ishee guba; Beetʼeelis nama irraa dhaamsu tokko iyyuu hin qabaattu.
7 你們這使公平變為茵蔯、 將公義丟棄於地的,
Isin warra murtii qajeelaa hadhaatti geeddartanii qajeelummaas lafatti harcaaftanii dha.
8 要尋求那造昴星和參星, 使死蔭變為晨光, 使白日變為黑夜, 命海水來澆在地上的- 耶和華是他的名;
Inni urjiiwwan Torbii fi urjiiwwan Sadee uume, kan dukkana bariitti geeddaru, inni guyyaa dukkaneessee halkan godhu, kan galaana keessaa bishaan ol waamee fuula lafa gogaa irratti dhangalaasu maqaan isaa Waaqayyoo dha.
9 他使力強的忽遭滅亡, 以致保障遭遇毀壞。
Inni daʼoo jabaatti badiisa tasaa fida; magaalaa dallaa jabaa qabdus ni barbadeessa.
10 你們怨恨那在城門口責備人的, 憎惡那說正直話的。
Isaan nama karra irratti nama ifatu ni jibbu; kan dhugaa dubbatus ni balfu.
11 你們踐踏貧民, 向他們勒索麥子; 你們用鑿過的石頭建造房屋, 卻不得住在其內; 栽種美好的葡萄園, 卻不得喝所出的酒。
Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu manneen sana keessa hin jiraattan; isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.
12 我知道你們的罪過何等多, 你們的罪惡何等大。 你們苦待義人,收受賄賂,在城門口屈枉窮乏人。
Balleessaan keessan hammam akka baayʼatuu fi cubbuun keessanis hammam guddaa akka taʼe nan beekaatii. Isaan qajeeltota hacuucanii mattaʼaa irraa fudhatu; hiyyeeyyiis mana murtii keessatti murtii qajeelaa dhowwatu.
13 所以通達人見這樣的時勢必靜默不言, 因為時勢真惡。
Kanaafuu namni qalbeeffataan yeroo akkasiitti afaan qabata; barri kun bara hamaadhaatii.
14 你們要求善, 不要求惡,就必存活。 這樣,耶和華-萬軍之上帝 必照你們所說的與你們同在。
Akka lubbuudhaan jiraattaniif waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa. Yoos akkuma isin jettan sana Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.
15 要惡惡好善, 在城門口秉公行義; 或者耶和華-萬軍之上帝向約瑟的餘民施恩。
Waan hamaa jibbaa; waan gaarii jaalladhaa; mana murtii keessatti murtii qajeelaa jabeessaa; Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu tarii hambaa Yoosefiif garaa laafa taʼaatii.
16 主耶和華-萬軍之上帝如此說: 在一切寬闊處必有哀號的聲音; 在各街市上必有人說: 哀哉!哀哉! 又必叫農夫來哭號, 叫善唱哀歌的來舉哀。
Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Daandii hunda irra booʼicha, oobdii uummataa hunda irra immoo iyya dhiphinaatu jira. Qonnaan bultoonni akka booʼaniif, warri booʼan immoo akka wawwaataniif ni waamamu.
17 在各葡萄園必有哀號的聲音, 因為我必從你中間經過。 這是耶和華說的。
Ani gidduu keessan waanan darbuuf iddoo dhaabaa wayinii hunda keessaa booʼichatu taʼa” jedha Waaqayyo.
18 想望耶和華日子來到的有禍了! 你們為何想望耶和華的日子呢? 那日黑暗沒有光明,
Isin warra guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitaniif wayyoo! Isin maaliif guyyaa Waaqayyoo arguu hawwitu! Guyyaan sun dukkana malee ifa hin taʼuutii.
19 景況好像人躲避獅子又遇見熊, 或是進房屋以手靠牆,就被蛇咬。
Wanni kun akkuma nama leenca jalaa baʼee afaan amaaketaa buʼu tokkoo ti; yookaan akka nama mana isaa seenee harka isaa keenyan manaa irra kaaʼatee bofti isa idde tokkoo ti.
20 耶和華的日子不是黑暗沒有光明嗎? 不是幽暗毫無光輝嗎?
Guyyaan Waaqayyoo ifa utuu hin taʼin dukkana mitii? Dukkana hamaa ifa tokko illee of keessaa hin qabne mitii?
21 我厭惡你們的節期, 也不喜悅你們的嚴肅會。
“Ani ayyaana amantaa keessanii nan jibba; nan tuffadhas; waldaa keessanittis hin gammadu.
22 你們雖然向我獻燔祭和素祭, 我卻不悅納, 也不顧你們用肥畜獻的平安祭;
Utuu isin aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii naaf fiddanii iyyuu ani jaalladhee isin irraa hin fudhadhu. Utuu isin aarsaa nagaa filatamaa naaf fiddanii iyyuu ani homaattuu isa hin lakkaaʼu.
23 要使你們歌唱的聲音遠離我, 因為我不聽你們彈琴的響聲。
Waca faarfannaa keessanii asii balleessaa! Ani muuziiqaa baganaa keessanii hin dhaggeeffadhu.
24 惟願公平如大水滾滾, 使公義如江河滔滔。
Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa, qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!
25 「以色列家啊,你們在曠野四十年,豈是將祭物和供物獻給我呢?
“Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
26 你們抬着為自己所造之摩洛的帳幕和偶像的龕,並你們的神星。
Isin waan harkuma keessaniin tolfattan jechuunis galma waaqeffannaa mootii keessanii, utubaa waaqa keessan tolfamaatii fi fakkii urjii waaqa keessanii ol fuutaniirtu.
27 所以我要把你們擄到大馬士革以外。」這是耶和華-名為萬軍之上帝說的。
Kanaafuu ani akka isin boojiʼamtaniif, Damaasqoodhaan gamatti isinan erga” jedha Waaqayyo inni maqaan isaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun.

< 阿摩司書 5 >