< Job 34 >

1 Moreover Elihu answered,
Eliihuun akkana jedhe:
2 “Hear my words, you wise men. Give ear to me, you who have knowledge.
“Yaa ogeeyyii, dubbii koo dhagaʼaa; beektonnis na dhaggeeffadhaa.
3 For the ear tries words, as the palate tastes food.
Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, gurris dubbii calalaatii.
4 Let us choose for us that which is right. Let us know among ourselves what is good.
Waan qajeelaa taʼe ofii keenyaaf haa filannu; waan gaariis tokkummaadhaan haa barannu.
5 For Job has said, ‘I am righteous, God has taken away my right.
“Iyyoob akkana jedha; ‘Ani qajeelaa dha; Waaqni garuu murtii qajeelaa narraa fudhate.
6 Notwithstanding my right I am considered a liar. My wound is incurable, though I am without disobedience.’
Ani utuman nama dhugaa taʼee jiruu, akka sobduuttin herregame; ani yakka qabaachuu baadhu illee xiyyi isaa madaa hin fayyineen na madeesseera.’
7 What man is like Job, who drinks scorn like water,
Namni akka bishaaniitti tuffii dhugu, kan akka Iyyoob eenyu?
8 who goes in company with the workers of iniquity, and walks with wicked men?
Inni warra hammina hojjetu wajjin walii gala; jalʼoota wajjinis tokkummaa qabaata.
9 For he has said, ‘It profits a man nothing that he should delight himself with God.’
Inni, ‘Waaqa gammachiisuu yaaluun, namaaf faayidaa tokko iyyuu hin qabu’ jedhaatii.
10 “Therefore listen to me, you men of understanding: far be it from God, that he should do wickedness, from the Almighty, that he should commit iniquity.
“Kanaafuu isin yaa hubattoota, na dhagaʼaa. Waan hamaa hojjechuun Waaqa irraa, dogoggoruunis Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa haa fagaatu.
11 For the work of a man he will render to him, and cause every man to find according to his ways.
Inni namaaf akkuma hojii isaatti gatii ni kenna; waan karaa isaatiif malus itti fida.
12 Yes surely, God will not do wickedly, neither will the Almighty pervert justice.
Dhugumaan Waaqni hammina hin hojjetu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu murtii qajeelaa hin jalʼisu.
13 Who put him in charge of the earth? Or who has appointed him over the whole world?
Eenyutu lafa irratti isa muude? Eenyutus addunyaa guutuu isatti kenne?
14 If he set his heart on himself, if he gathered to himself his spirit and his breath,
Utuu inni hafuura isaa deebisee fudhatee, hafuura baafatu illee gara ofii isaatti deebifatee,
15 all flesh would perish together, and man would turn again to dust.
silaa sanyiin namaa hundi walumaan bada; namnis biyyootti deebiʼa ture.
16 “If now you have understanding, hear this. Listen to the voice of my words.
“Ati yoo hubannaa qabaatte waan kana dhagaʼi; waan ani jedhus dhaggeeffadhu.
17 Should even one who hates justice govern? Will you condemn him who is righteous and mighty,
Namni murtii qajeelaa jibbu bulchuu dandaʼaa? Atis isa qajeelaa fi humna qabeessa sanatti murtaa?
18 who says to a king, ‘Vile!’ or to nobles, ‘Wicked!’?
Kan moototaan, ‘Isin faayidaa hin qabdan;’ jedhee qondaaltotaanis, ‘Isin hamoo dha’ jedhu isa mitii?
19 He does not respect the persons of princes, nor respect the rich more than the poor, for they all are the work of his hands.
Inni ilmaan moototaatiif illee hin looguu; sooreyyii fi hiyyeeyyii wal hin caalchisu; hundi isaanii hojii harka isaatii.
20 In a moment they die, even at midnight. The people are shaken and pass away. The mighty are taken away without a hand.
Isaan halkan walakkaa tasa duʼu; namoonni hollatanii dhumu; jajjaboonnis utuma harki namaa isaan hin tuqin ni badu.
21 “For his eyes are on the ways of a man. He sees all his goings.
“Iji isaa karaa namootaa irra jira; inni tarkaanfii isaanii hunda ni arga.
22 There is no darkness, nor thick gloom, where the workers of iniquity may hide themselves.
Iddoon warri waan hamaa hojjetan itti dhokatan, dukkanni yookaan gaaddisni guddaan hin jiru.
23 For he does not need to consider a man further, that he should go before God in judgment.
Akka inni murtiidhaaf fuula isaa duratti dhiʼaatuuf, Waaqni nama kam iyyuu hin beellamu.
24 He breaks mighty men in pieces in ways past finding out, and sets others in their place.
Inni gaaffii tokko malee namoota jajjaboo ni burkuteessa; warra biraa immoo iddoo isaanii ni kaaʼa.
25 Therefore he takes knowledge of their works. He overturns them in the night, so that they are destroyed.
Inni sababii hojii isaanii beekuuf, halkan keessa isaan garagalcha; isaanis ni barbadaaʼu.
26 He strikes them as wicked men in the open sight of others;
Sababii jalʼina isaaniitiifis inni iddoo namni hundi argutti isaan adaba;
27 because they turned away from following him, and would not pay attention to any of his ways,
kunis waan isaan isa duukaa buʼuu irraa garagalanii karaa isaa hunda dhiisaniif.
28 so that they caused the cry of the poor to come to him. He heard the cry of the afflicted.
Isaan akka inni iyya rakkattootaa dhagaʼuuf, akka iyyi hiyyeeyyii fuula isaa duratti dhagaʼamu godhaniiru.
29 When he gives quietness, who then can condemn? When he hides his face, who then can see him? He is over a nation or a man alike,
Yoo inni calʼise garuu, eenyutu isatti muruu dandaʼa? Yoo inni fuula isaa dhokfates eenyutu isa arguu dandaʼa? Taʼus inni namaa fi saba illee ni toʼata;
30 that the godless man may not reign, that there be no one to ensnare the people.
kunis akka namni Waaqaaf hin bulle mootii hin taanee fi akka isaan sabaaf kiyyoo hin keenyeefii dha.
31 “For has any said to God, ‘I am guilty, but I will not offend any more.
“Namni tokko Waaqaan akkana jedha haa jennu; ‘Ani yakka hojjedheera; garuu itti hin deebiʼu.
32 Teach me that which I do not see. If I have done iniquity, I will do it no more’?
Waan ani arguu hin dandeenye na barsiisi; ani yoon dogoggora hojjedhee jiraadhe, lammata itti hin deebiʼu.’
33 Shall his recompense be as you desire, that you refuse it? For you must choose, and not I. Therefore speak what you know.
Waaqni sababii ati qalbii jijjiirrachuu didduuf akkuma yaada keetiitti gatii siif baasaa? Situ murteessuu qaba malee ana miti; kanaafuu ati waan beektu natti himi.
34 Men of understanding will tell me, yes, every wise man who hears me:
“Namoonni hubannaa qaban ni dubbatu; namoonni ogeeyyiin na dhagaʼanis akkana jedhu;
35 ‘Job speaks without knowledge. His words are without wisdom.’
‘Iyyoob beekumsa malee dubbata; dubbiin isaas hubannaa cimaa hin qabu.’
36 I wish that Job were tried to the end, because of his answering like wicked men.
Iyyoob sababii akka nama hamaatti deebii kenneef maaloo utuu hamma dhumaatti qoramee jiraatee!
37 For he adds rebellion to his sin. He claps his hands among us, and multiplies his words against God.”
Inni cubbuu isaa irratti fincila dabala; tuffiidhaan gidduu keenyatti harka dhaʼa; Waaqa irrattis waan baayʼee dubbata.”

< Job 34 >