< John 10 >

1 “Most certainly, I tell you, one who does not enter by the door into the sheep fold, but climbs up some other way, is a thief and a robber.
“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha.
2 But one who enters in by the door is the shepherd of the sheep.
Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti.
3 The gatekeeper opens the gate for him, and the sheep listen to his voice. He calls his own sheep by name and leads them out.
Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa.
4 Whenever he brings out his own sheep, he goes before them; and the sheep follow him, for they know his voice.
Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.
5 They will by no means follow a stranger, but will flee from him; for they do not know the voice of strangers.”
Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.”
6 Jesus spoke this parable to them, but they did not understand what he was telling them.
Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne.
7 Jesus therefore said to them again, “Most certainly, I tell you, I am the sheep’s door.
Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti.
8 All who came before me are thieves and robbers, but the sheep did not listen to them.
Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye.
9 I am the door. If anyone enters in by me, he will be saved, and will go in and go out and will find pasture.
Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.
10 The thief only comes to steal, kill, and destroy. I came that they may have life, and may have it abundantly.
Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
11 “I am the good shepherd. The good shepherd lays down his life for the sheep.
“Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
12 He who is a hired hand, and not a shepherd, who does not own the sheep, sees the wolf coming, leaves the sheep, and flees. The wolf snatches the sheep and scatters them.
Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas.
13 The hired hand flees because he is a hired hand and does not care for the sheep.
Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.
14 I am the good shepherd. I know my own, and I am known by my own;
“Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;
15 even as the Father knows me, and I know the Father. I lay down my life for the sheep.
kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna.
16 I have other sheep which are not of this fold. I must bring them also, and they will hear my voice. They will become one flock with one shepherd.
Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.
17 Therefore the Father loves me, because I lay down my life, that I may take it again.
Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata.
18 No one takes it away from me, but I lay it down by myself. I have power to lay it down, and I have power to take it again. I received this commandment from my Father.”
Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
19 Therefore a division arose again among the Jews because of these words.
Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame.
20 Many of them said, “He has a demon and is insane! Why do you listen to him?”
Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan.
21 Others said, “These are not the sayings of one possessed by a demon. It is not possible for a demon to open the eyes of the blind, is it?”
Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
22 It was the Feast of the Dedication at Jerusalem.
Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture;
23 It was winter, and Jesus was walking in the temple, in Solomon’s porch.
Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomoon keessa deddeebiʼaa ture.
24 The Jews therefore came around him and said to him, “How long will you hold us in suspense? If you are the Christ, tell us plainly.”
Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Kiristoos taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin.
25 Jesus answered them, “I told you, and you do not believe. The works that I do in my Father’s name, these testify about me.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa.
26 But you do not believe, because you are not of my sheep, as I told you.
Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan.
27 My sheep hear my voice, and I know them, and they follow me.
Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.
28 I give consummate (aiōnios g166) life to them. They will never perish in this age (aiōn g165), and no one will snatch them out of my hand.
Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. (aiōn g165, aiōnios g166)
29 My Father who has given them to me is greater than all. No one is able to snatch them out of my Father’s hand.
Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.
30 I and the Father are one.”
Anii fi Abbaan tokkuma.”
31 Therefore the Jews took up stones again to stone him.
Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan.
32 Jesus answered them, “I have shown you many good works from my Father. For which of those works do you stone me?”
Yesuusis, “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?” jedheen.
33 The Jews answered him, “We do not stone you for a good work, but for blasphemy, because you, being a man, make yourself God.”
Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Waaqa arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Waaqa of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif.
34 Jesus answered them, “Is not it written in your law, ‘I said, you are gods’?
Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqota” jedheera’jedhamee barreeffameera mitii?
35 If he called them gods, to whom the word of God came (and the Scripture cannot be broken),
Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef,
36 do you say of him whom the Father sanctified and sent into the world, ‘You blaspheme,’ because I said, ‘I am the Son of God’?
sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu?
37 If I do not do the works of my Father, do not believe me.
Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa.
38 But if I do them, though you do not believe me, believe the works, that you may know and believe that the Father is in me, and I in the Father.”
Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.”
39 They sought again to seize him, and he went out of their hand.
Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe.
40 He went away again beyond the Jordan into the place where John was baptizing at first, and he stayed there.
Yesuus ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yohannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture.
41 Many came to him. They said, “John indeed did no sign, but everything that John said about this man is true.”
Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yohannis mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan.
42 Many believed in him there.
Achittis namoonni hedduun Yesuusitti amanan.

< John 10 >