< Psalms 57 >

1 For the Chief Musician. To the tune of “Do Not Destroy.” A poem by David, when he fled from Saul, in the cave. Be merciful to me, God, be merciful to me, for my soul takes refuge in you. Yes, in the shadow of your wings, I will take refuge, until disaster has passed.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate. Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
2 I cry out to God Most High, to God who accomplishes my requests for me.
Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.
3 He will send from heaven, and save me, he rebukes the one who is pursuing me. (Selah) God will send out his loving kindness and his truth.
Inni samii irraa ergee na oolcha; warra akka malee na ariʼan ni ifata; Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
4 My soul is among lions. I lie among those who are set on fire, even the sons of men, whose teeth are spears and arrows, and their tongue a sharp sword.
Ani leencota gidduun jira; ani bineensota nama nyaatan, namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
5 Be exalted, God, above the heavens! Let your glory be above all the earth!
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
6 They have prepared a net for my steps. My soul is bowed down. They dig a pit before me. They fall into the middle of it themselves. (Selah)
Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. Isaan karaa koo irratti boolla qotan; garuu isaanumattu keessatti kufe.
7 My heart is steadfast, God. My heart is steadfast. I will sing, yes, I will sing praises.
Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas.
8 Wake up, my glory! Wake up, lute and harp! I will wake up the dawn.
Yaa lubbuu ko, dammaqi! Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
9 I will give thanks to you, Lord, among the peoples. I will sing praises to you among the nations.
Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
10 For your great loving kindness reaches to the heavens, and your truth to the skies.
Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
11 Be exalted, God, above the heavens. Let your glory be over all the earth.
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.

< Psalms 57 >