< Psalms 68 >

1 To the chief Musician, A Psalm [or] Song of David. Let God arise, let his enemies be scattered: let them also that hate him flee before him.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan; warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.
2 As smoke is driven away, [so] drive [them] away: as wax melteth before the fire, [so] let the wicked perish at the presence of God.
Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi; akkuma gagaan ibidda duratti baqu, hamoonni fuula Waaqaa duraa haa badan.
3 But let the righteous be glad; let them rejoice before God: yea, let them exceedingly rejoice.
Qajeelonni garuu haa gammadan; fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan; isaan gammachuudhaan haa ililchan.
4 Sing unto God, sing praises to his name: extol him that rideth upon the heavens by his name Jah, and rejoice before him.
Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa; isa duumessaan gulufu sana jajadhaa; maqaan isaa Waaqayyoo dha; fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
5 A father of the fatherless, and a judge of the widows, [is] God in his holy habitation.
Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa, niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
6 God setteth the solitary in families: he bringeth out those which are bound with chains: but the rebellious dwell in a dry [land].
Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa; warra hidhamanis mana hidhaatii baasa; finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.
7 O God, when thou wentest forth before thy people, when thou didst march through the wilderness; (Selah)
Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate, gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,
8 The earth shook, the heavens also dropped at the presence of God: [even] Sinai itself [was moved] at the presence of God, the God of Israel.
fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti, fuula Waaqaa, Waaqa Israaʼel duratti, lafti ni raafamte; samiiwwanis bokkaa roobsan.
9 Thou, O God, didst send a plentiful rain, whereby thou didst confirm thine inheritance, when it was weary.
Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite; dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.
10 Thy congregation hath dwelt therein: thou, O God, hast prepared of thy goodness for the poor.
Sabni kee achi qubate; yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa hiyyeeyyii soorte.
11 The Lord gave the word: great [was] the company of those that published [it].
Gooftaan dubbii isaa kenne; dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:
12 Kings of armies did flee apace: and she that tarried at home divided the spoil.
“Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan; dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.
13 Though ye have lien among the pots, [yet shall ye be as] the wings of a dove covered with silver, and her feathers with yellow gold.
Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee, isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.”
14 When the Almighty scattered kings in it, it was [white] as snow in Salmon.
Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu mootota achitti bittinneessetti, Zalmoon irratti cabbiin buʼe.
15 The hill of God [is as] the hill of Bashan; an high hill [as] the hill of Bashan.
Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa, yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,
16 Why leap ye, ye high hills? [this is] the hill [which] God desireth to dwell in; yea, the LORD will dwell [in it] for ever.
yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu, ati maaliif tulluu Waaqni bulchuuf filate, iddoo Waaqayyo bara baraan jiraatu sana hinaaffaadhaan ilaalta?
17 The chariots of God [are] twenty thousand, [even] thousands of angels: the Lord [is] among them, [as in] Sinai, in the holy [place].
Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha; isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti; Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
18 Thou hast ascended on high, thou hast led captivity captive: thou hast received gifts for men; yea, [for] the rebellious also, that the LORD God might dwell [among them].
Ati yommuu ol gubbaa baatetti boojuu baayʼee fudhate; yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati achi jiraachuuf jettee, namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.
19 Blessed [be] the Lord, [who] daily loadeth us [with benefits, even] the God of our salvation. (Selah)
Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu, Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.
20 [He that is] our God [is] the God of salvation; and unto GOD the Lord [belong] the issues from death.
Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis Waaqayyo Goofticha biraa dhufa.
21 But God shall wound the head of his enemies, [and] the hairy scalp of such an one as goeth on still in his trespasses.
Waaqni dhugumaan mataa diina isaa, gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii kan rifeensa qabu ni caccabsa.
22 The Lord said, I will bring again from Bashan, I will bring [my people] again from the depths of the sea:
Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida; tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;
23 That thy foot may be dipped in the blood of [thine] enemies, [and] the tongue of thy dogs in the same.
kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf; arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.”
24 They have seen thy goings, O God; [even] the goings of my God, my King, in the sanctuary.
Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera; hiriirri Waaqa kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.
25 The singers went before, the players on instruments [followed] after; among [them were] the damsels playing with timbrels.
Fuula duraan faarfattoota, dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture; dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.
26 Bless ye God in the congregations, [even] the Lord, from the fountain of Israel.
Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa; yaaʼii Israaʼel keessattis Waaqayyoon jajadhaa.
27 There [is] little Benjamin [with] their ruler, the princes of Judah [and] their council, the princes of Zebulun, [and] the princes of Naphtali.
Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema; tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan; ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.
28 Thy God hath commanded thy strength: strengthen, O God, that which thou hast wrought for us.
Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji; yaa Waaqa keenya, akkuma duraan goote sana jabina kee nu argisiisi.
29 Because of thy temple at Jerusalem shall kings bring presents unto thee.
Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif mootonni kennaa siif fidu.
30 Rebuke the company of spearmen, the multitude of the bulls, with the calves of the people, [till every one] submit himself with pieces of silver: scatter thou the people [that] delight in war.
Bineensota shambaqqoo keessaa, karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu. Warra meetii fidan gad deebisi. Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.
31 Princes shall come out of Egypt; Ethiopia shall soon stretch out her hands unto God.
Ergamoonni Gibxi ni dhufu; Itoophiyaanis daftee harka ishee Waaqatti balʼifatti.
32 Sing unto God, ye kingdoms of the earth; O sing praises unto the Lord; (Selah)
Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa; faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;
33 To him that rideth upon the heavens of heavens, [which were] of old; lo, he doth send out his voice, [and that] a mighty voice.
isa samiiwwan durii keessa gulufu, isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.
34 Ascribe ye strength unto God: his excellency [is] over Israel, and his strength [is] in the clouds.
Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru, isa miidhaginni isaa samiiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.
35 O God, [thou art] terrible out of thy holy places: the God of Israel [is] he that giveth strength and power unto [his] people. Blessed [be] God.
Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha; Waaqni Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna. Waaqni haa eebbifamu!

< Psalms 68 >