< Numbers 11 >

1 And the people murmured sinfully before the Lord; and the Lord heard [them] and was very angry; and fire was kindled among them from the Lord, and devoured a part of the camp.
Sabni sun utuma Waaqayyo isa dhagaʼuu waaʼee rakkina isaa guungume; innis yommuu waan kana dhagaʼetti ni aare. Kana irratti ibiddi Waaqayyoo isaan gidduutti bobaʼee qarqara qubata isaanii gube.
2 And the people cried to Moses: and Moses prayed to the Lord, and the fire was quenched.
Sabni Museetti iyye; Museen immoo Waaqayyoon kadhatee ibiddi sun dhaame.
3 And the name of that place was called Burning; for a fire was kindled among them from the Lord.
Sababii ibiddi Waaqayyo biraa gad buʼee gidduu isaaniitti bobaʼeef, iddoon sun “Tabeeraa” jedhamee waamame.
4 And the mixed multitude among them lusted exceedingly; and they and the children of Israel sat down and wept and said, Who shall give us flesh to eat?
Sabni wal makaan isaan wajjin tures nyaata biraa dharraʼe; Israaʼeloonni ammas akkana jedhanii booʼuu jalqaban; “Nu utuu foon nyaannu argannee!
5 We remember the fish, which we ate in Egypt freely; and the cucumbers, and the melons, and the leeks, and the garlic, and the onions.
Nu biyya Gibxi keessatti qurxummii toluma nyaanne; akkasumas dabaaqula, habaabii, goodarree, qullubbii diimaa fi qullubbii adii nyaanne sana ni yaadanna.
6 But now our soul is dried up; our eyes [turn] to nothing but to the manna.
Amma garuu fedhiin nyaataa nurraa badeera; mannaa kana malees waan tokko illee hin arginu!”
7 And the manna is as coriander seed, and the appearance of it the appearance of hoarfrost.
Mannaan sun akka sanyii dinbilaalaa taʼee bifti isaa haphee fakkaata ture.
8 And the people went through the field, and gathered, and ground it in the mill, or pounded it in a mortar, and baked it in a pan, and made cakes of it; and the sweetness of it was as the taste [of] wafer made with oil.
Namoonnis mannaa sana nanaannaʼanii walitti qabanii dhagaa daakuutti daakachaa yookaan mooyyeetti tumachaa turan. Isaanis mannaa sana okkoteetti affeelu yookaan maxinoo isaa tolfatu turan. Innis akka waan zayitii ejersaatiin qopheeffameetti miʼaawa ture.
9 And when the dew came upon the camp by night, the manna came down upon it.
Galgala yommuu fixeensi qubata irra buʼetti mannaan sunis gad buʼe.
10 And Moses heard them weeping by their families, every one in his door: and the Lord was very angry; and the thing was evil in the sight of Moses.
Museen utuu namoonni maatii hundaa balbala dunkaana ofii isaa duratti booʼanuu dhagaʼe. Waaqayyos akka malee aare; Museen immoo ni dhiphate.
11 And Moses said to the Lord, Why have you afflicted your servant, and why have I not found grace in your sight, that you should lay the weight of this people upon me?
Innis akkana jedhee Waaqayyoon gaafate; “Ati maaliif dhiphina kana garbicha keetti fidde? Ati kan baʼaa saba kanaa hunda narra keesse ani maal balleessee si gaddisiiseeti?
12 Have I conceived all this people, or have I born them? that you say to me, Take them into your bosom, as a nurse would take her suckling, into the land which you sware to their fathers?
Saba kana hunda anatu ulfaaʼee? Anatu isaan daʼee? Ati maaliif akka ani akkuma guddiftuun daaʼima baattutti gara biyya ati abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galteetti irree kootti baadhee isaan geessuudhaaf na ajajja?
13 Whence have I flesh to give to all this people? for they weep to me, saying, Give us flesh, that we may eat.
Ani saba kana hundaaf foon eessaan argadha? Isaan, ‘Foon nyaannu nuu kenni!’ jedhanii natti booʼu.
14 I shall not be able to bear this people alone, for this thing is too heavy for me.
Ani kophaa koo saba kana hunda baachuu hin dandaʼu; baʼaan kun akka malee natti ulfaata.
15 And if you do thus to me, kill me utterly, if I have found favor with you, that I may not see my affliction.
Ati yoo akkana na goota taʼe, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, maaloo ammuma na ajjeesi; akka ani gidiraa natti dhufu argus na hin godhin.”
16 And the Lord said to Moses, Gather me seventy men from the elders of Israel, whom you yourself know that they are the elders of the people, and their scribes; and you shall bring them to the tabernacle of witness, and they shall stand there with you.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Maanguddoota Israaʼel keessaa nama torbaatama kanneen hooggantootaa fi qondaaltota sabaa taʼuu isaanii beektu naa fidi. Akka isaan gara dunkaana wal gaʼii dhufanii si wajjin achi dhadhaabatan godhi.
17 And I will go down, and speak there with you; and I will take of the spirit that is upon you, and will put it upon them; and they shall bear together with you the burden of the people, and you shall not bear them alone.
Ani gad buʼee achitti si wajjin nan dubbadha; Hafuura sirra jiru irraas fuudhee isaan irra nan kaaʼa; isaanis akka ati kophaa kee baʼaa sana hin baanneef baʼaa saba sanaa si wajjin baatu.
18 And to the people you shall say, Purify yourselves for the morrow, and you shall eat flesh; for you wept before the Lord, saying, Who shall give us flesh to eat? for it was well with us in Egypt: and the Lord shall allow you to eat flesh, and you shall eat flesh.
“Saba kanaan akkana jedhi: ‘Isin bori foon nyaattuutii of qulqulleessaa qophaaʼaa. Waaqayyo yeroo isin, “Nu utuu foonuma nyaannu argannee! Yeroo nu biyya Gibxi keessa jirru nuu wayya ture!” jettanii boossan dhagaʼeeraatii. Waaqayyo amma foon isinii kenna; isinis ni nyaattu.
19 You shall not eat one day, nor two, nor five days, nor ten days, nor twenty days;
Isin hamma guyyaa tokkoo, yookaan lamaa, yookaan shanii, kudhanii, yookaan digdamaa qofa hin nyaattan;
20 you shall eat for a full month, until [the flesh] come out at your nostrils; and it shall be nausea to you, because you disobeyed the Lord, who is among you, and wept before him, saying, What had we to do to come out of Egypt?
garuu jiʼa tokko guutuu hamma funyaaniin isin baʼutti, hamma nuffitanittis nyaattu; isin Waaqayyo gidduu keessan jiru sana diddanii, “Nu maaliif biyya Gibxi keessaa baane?” jettanii fuula isaa duratti boossanii turtaniitii.’”
21 And Moses said, The people among whom I am are six hundred thousand footmen; and you said, I will give them flesh to eat, and they shall eat a whole month.
Museen garuu akkana jedhe; “Kunoo ani namoota lafoo kuma dhibba jaʼa gidduun jira; ati immoo, ‘Ani foon isaan jiʼa guutuu nyaatan kennaaf!’ jetta.
22 Shall sheep and oxen be slain for them, and shall it suffice them? or shall all the fish of the sea be gathered together for them, and shall it suffice them?
Utuma bushaayee fi karri loonii isaaniif qalamanii iyyuu gaʼaa laata? Utuma qurxummiin galaana keessaa hundi isaanii qabamee iyyuu gaʼaa laata?”
23 And the Lord said to Moses, Shall not the hand of the Lord be fully sufficient? now shall you know whether my word shall come to pass to you or not.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Harki Waaqayyoo gabaabaadhaa? Ati akka wanni ani siin jedhu siif guutamuu fi akka siif hin guutamne amma ni argita.”
24 And Moses went out, and spoke the words of the Lord to the people; and he gathered seventy men of the elders of the people, and he set them round about the tabernacle.
Museen dhaqee waan Waaqayyo jedhe sana sabatti hime. Innis saba sana keessaa maanguddoota torbaatama walitti qabee akka isaan naannoo dunkaanaa dhadhaabatan godhe.
25 And the Lord came down in a cloud, and spoke to him, and took of the spirit that was upon him, and put it upon the seventy men that were elders; and when the spirit rested upon them, they prophesied and ceased.
Ergasiis Waaqayyo duumessaan gad buʼee isatti dubbate; Hafuura isa irra jirus fuudhee maanguddoota torbaatamman sana irra buuse. Isaanis yeroo Hafuurri sun isaan irra boqotetti raajii dubbatan; ergasii immoo deebiʼanii raajii sana hin dubbanne.
26 And there were two men left in the camp, the name of the one was Eldad, and the name of the other Modad; and the spirit rested upon them, and these were of the number of them that were enrolled, but they did not come to the tabernacle; and they prophesied in the camp.
Taʼu illee namoonni lama kanneen maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhaman qubata keessatti hafanii turan. Isaanis maanguddoota sana keessatti galmeeffamanii turan malee gad baʼanii gara dunkaanaa hin dhaqne ture. Hafuurri immoo isaan irra illee buʼe; isaanis qubata keessatti raajii dubbatan.
27 And a young man ran and told Moses, and spoke, saying, Eldad and Modad prophesy in the camp.
Dargaggeessi tokko fiigee dhaqee, “Eldaadii fi Meedaad raajii dubbachuutti jiru” jedhee Museetti hime.
28 And Joshua the son of Naue, who attended on Moses, the chosen one, said, [My] lord Moses, forbid them.
Iyyaasuun ilmi Nuuni kan ijoollummaa ofiitii jalqabee gargaartuu Musee ture sun kaʼee, “Yaa Musee, yaa gooftaa ko, isaan dhowwi!” jedhee dubbate.
29 And Moses said to him, Are you jealous on my account? and would that all the Lord's people were prophets; whenever the Lord shall put his spirit upon them.
Museen garuu akkana jedhee deebise; “Ati anaaf hinaaftaa? Ani utuu sabni Waaqayyoo hundinuu raajota taʼanii Waaqayyos Hafuura isaa isaan irra kaaʼee nan hawwa!”
30 And Moses departed into the camp, himself and the elders of Israel.
Ergasiis Musee fi maanguddoonni Israaʼel gara qubataatti deebiʼan.
31 And there went forth a wind from the Lord, and brought quails over from the sea; and it brought them down upon the camp a day's journey on this side, and a day's journey on that side, round about the camp, as it were two cubits from the earth.
Bubbeen tokkos Waaqayyo biraa baʼee galaana keessaa dimbiriqqee gara qubataatti oofe. Bubbeen sunis dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaatti gama hundaan hamma deemsa guyyaa tokkoo fagaatu harcaasee hamma dhundhuma lamaa oli tuule.
32 And the people rose up all the day, and all the night, and all the next day, and gathered quails; he that gathered least, gathered ten measures; and they refreshed themselves round about the camp.
Guyyaa sana guutuu fi halkan sana guutuu, guyyaa itti aanu guutuus sabni sun gad baʼee dimbiriqqee sana walitti qabate; isaan keessaas namni homeerii kudhanii gad walitti qabate hin turre. Ergasii dimbiriqqee sana naannoo qubata sanaa afatan.
33 The flesh was yet between their teeth, before it failed, when the Lord was angry with the people, and the Lord struck the people with a very great plague.
Garuu utuma foon sun amma illee gidduu ilkaan isaanii jiruu, utuu hin alanfatin Waaqayyo isaanitti aaree dhaʼicha hamaadhaan isaan dhaʼe.
34 And the name of that place was called the Graves of Lust; for there they buried the people that lusted.
Sababii isaan namoota nyaata biraa dharraʼan achitti awwaalaniif maqaan iddoo sanaa, “Qiibrooti Haataaʼabaa” jedhame.
35 The people departed from the Graves of Lust to Aseroth; and the people halted at Aseroth.
Sabni sunis Qiibrooti Haataaʼabaadhaa kaʼee gara Haxerooti dhaqee achi jiraate.

< Numbers 11 >