< Judges 16 >

1 And Samson went to Gaza, and saw there an harlot, and went in unto her.
Gaaf tokko Saamsoon gara Gaazaa iddoo itti sagaagaltuu tokko arge dhaqe. Ishee wajjin buluufis ol seene.
2 [And it was told] the Gazites, saying, Samson is come hither. And they compassed him in, and laid wait for him all night in the gate of the city, and were quiet all the night, saying, [Let be] till morning light, then we will kill him.
Namoota Gaazaattis, “Saamsoon as jira!” jedhamee himame. Kanaafuu isaan naannoo sana marsanii halkan guutuu riphanii karra magaalattii irratti isa eeggatan. Isaanis, “Ganama barii isa ajjeefna” jedhanii halkan sana utuu hin sochoʼin bulan.
3 And Samson lay till midnight, and arose at midnight, and laid hold of the doors of the gate of the city, and the two posts, and plucked them up, bar and all, and put them upon his shoulders, and carried them up to the top of the mountain that is before Hebron.
Saamsoon garuu hamma walakkaa halkaniitti achi rafe. Ergasii kaʼee cufaawwan karra magaalattii michichila lama wajjin, danqaraa isaatii fi waan hunda buqqise. Ol fuudhees gatiittii isatti baachuudhaan gara fiixee gaara fuullee Kebroonitti ol baʼe.
4 And it came to pass afterward, that he loved a woman in the valley of Sorek, whose name was Delilah.
Yeroo muraasa booddee Saamsoon jaalala dubartii sulula Sooreeq keessa jiraattu tokkootiin qabame; maqaan ishees Daliilaa jedhama ture.
5 And the lords of the Philistines came up unto her, and said unto her, Entice him, and see wherein his great strength lieth, and by what means we may prevail against him, that we may bind him to afflict him: and we will give thee every one of us eleven hundred [pieces] of silver.
Bulchitoonni Filisxeemotaas gara ishee dhaqanii, “Akka nu hiinee isa miidhuu dandeenyuuf, akka inni icciitii jabina isaa guddaa kanaatii fi akka nu itti isa moʼachuu dandeenyu sitti himuuf isa sossobi. Tokkoon tokkoon keenyas meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko siif kenninaa” jedhaniin.
6 And Delilah said to Samson, Tell me, I pray thee, wherein thy great strength lieth, and wherewith thou mightest be bound to afflict thee.
Daliilaanis Saamsooniin, “Icciitii jabina kee guddaa sanaatii fi akka ati itti qabamtee hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
7 And Samson said unto her, If they bind me with seven green withes that were never dried, then shall I become weak, and be as another man.
Saamsoon immoo deebisee, “Yoo namni kam iyyuu teepha haaraa hin gogin torbaan na hidhe, ani akkuma nama biraa kam iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
8 Then the lords of the Philistines brought up to her seven green withes which had not been dried, and she bound him with them.
Bulchitoonni Filisxeemotaas ergasii teepha haaraa hin gogin torba fidanii isheetti kennan; isheenis ittiin isa hiite.
9 Now she had liers in wait abiding in the inner chamber. And she said unto him, The Philistines be upon thee, Samson. And he brake the withes, as a string of tow is broken when it toucheth the fire. So his strength was not known.
Isheen gola keessatti namoota dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu teephawwan sana akkuma ribuun yommuu ibidda bira gaʼu baqutti rakkina malee of irraa kukkute. Kanaafuu icciitiin jabina isaa hin beekamne.
10 And Delilah said unto Samson, Behold, thou hast mocked me, and told me lies: now tell me, I pray thee, wherewith thou mightest be bound.
Daliilaan Saamsooniin, “Ati na gowwoomsite; na sobdes. Amma kottuu akka itti hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
11 And he said unto her, If they only bind me with new ropes wherewith no work hath been done, then shall I become weak, and be as another man.
Innis, “Yoo namni kam iyyuu funyoo haaraa namni itti hin fayyadaminiin na hidhe, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
12 So Delilah took new ropes, and bound him therewith, and said unto him, The Philistines be upon thee, Samson. And the liers in wait were abiding in the inner chamber. And he brake them from off his arms like a thread.
Kanaafuu Daliilaan funyoo haaraa fuutee ittiin isa hiite. Namootas golla keessatti dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu funyoowwan sana akkuma kirriitti harka ofii irraa kukkute.
13 And Delilah said unto Samson, Hitherto thou hast mocked me, and told me lies: tell me wherewith thou mightest be bound. And he said unto her, If thou weavest the seven locks of my head with the web.
Daliilaanis Saamsooniin, “Ati hamma ammaatti na gowwoomsiteerta; na sobdeertas. Akka itti hidhamu dandeessu natti himi” jette. Innis, “Yoo ati guduruu mataa koo torban walitti footee qofootti na hiite, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” isheen jedhe. Daliilaanis utuu inni rafuu guduruu mataa isaa torban walitti footee,
14 And she fastened it with the pin, and said unto him, The Philistines be upon thee, Samson. And he awaked out of his sleep, and plucked away the pin of the beam, and the web.
qofootti isa hiite. Ammas isa waamtee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jette. Inni garuu hirribaa kaʼee qofoo sana guduruu mataa isaa wajjin buqqise.
15 And she said unto him, How canst thou say, I love thee, when thine heart is not with me? thou hast mocked me these three times, and hast not told me wherein thy great strength lieth.
Isheenis, “Ati utuu na hin amanin akkamitti, ‘Ani si jaalladha’ naan jetta? Utuu icciitii jabina kee guddaa sanaa natti hin himin, ati na sobuun kee kun yeroo sadaffaa dha” jetteen.
16 And it came to pass, when she pressed him daily with her words, and urged him, that his soul was vexed unto death.
Guyyuma guyyaanis hamma lubbuun isaa jireenya jibbitutti dubbii isheetiin afaan isa gogsite.
17 And he told her all his heart, and said unto her, There hath not come a razor upon mine head; for I have been a Nazirite unto God from my mother’s womb: if I be shaven, then my strength will go from me, and I shall become weak, and be like any other man.
Kanaafuu inni waan hunda isheetti hime. Akkanas jedheen; “Sababii ani gaafuma dhaladhee jalqabee Naaziricha taʼee Waaqaaf addaan baafameef qarabaan takkumaa mataa koo tuqee hin beeku. Yoo mataan koo haadame garuu jabinni koo narraa badee anis akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa.”
18 And when Delilah saw that he had told her all his heart, she sent and called for the lords of the Philistines, saying, Come up this once, for he hath told me all his heart. Then the lords of the Philistines came up unto her, and brought the money in their hand.
Daliilaanis yommuu akka inni waan hunda isheetti hime hubattetti, “Inni waan hunda natti himeeraatii mee deebiʼaa kottaa” jettee bulchitoota Filisxeemotaatti ergaa ergite. Kanaafuu bulchitoonni Filisxeemotaa harka isaaniitti meetii qabatanii gara ishee dhufan.
19 And she made him sleep upon her knees; and she called for a man, and shaved off the seven locks of his head; and she began to afflict him, and his strength went from him.
Akka inni gudeeda ishee irra ciisu gootee nama tokko waamtee guduruu mataa isaa torban irraa haadchisiifte. Isheenis akka malee isa rakkisuu jalqabde. Jabinni isaas isa irraa bade.
20 And she said, The Philistines be upon thee, Samson. And he awoke out of his sleep, and said, I will go out as at other times, and shake myself. But he wist not that the LORD was departed from him.
Isheenis, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Innis hirribaa kaʼee, “Ani akkuma yeroo kaanii gad baʼee of irraa harcaasa” jedhe. Garuu akka Waaqayyo isa dhiisee deeme hin beekne ture.
21 And the Philistines laid hold on him, and put out his eyes; and they brought him down to Gaza, and bound him with fetters of brass; and he did grind in the prison house.
Ergasii Filisxeemonni isa qabanii ija isaa keessaa baasanii gara Gaazaatti isa geessan. Foncaa naasiitiin isa hidhaniis mana hidhaa keessatti daaktuu midhaanii isa godhan.
22 Howbeit the hair of his head began to grow again after he was shaven.
Rifeensi mataa isaa garuu erga haadamee booddee deebiʼee guddachuu jalqabe.
23 And the lords of the Philistines gathered them together for to offer a great sacrifice unto Dagon their god, and to rejoice: for they said, Our god hath delivered Samson our enemy into our hand.
Bulchitoonni Filisxeemotaa, “Waaqni keenya, Saamsoon diina keenya sana dabarsee harka keenyatti nuu kenneera” jedhanii gammaduudhaan Daagon Waaqa isaaniitiif aarsaa guddaa dhiʼeessuuf walitti qabamanii turan.
24 And when the people saw him, they praised their god: for they said, Our god hath delivered into our hand our enemy, and the destroyer of our country, which hath slain many of us.
Namoonnis yeroo isa arganitti Waaqa isaanii galateeffachaa, “Waaqni keenya, diina keenya kan biyya keenya balleesse, kan nama baayʼee nu duraa ajjeese sana dabarsee nuu kenneera” jedhan.
25 And it came to pass, when their hearts were merry, that they said, Call for Samson, that he may make us sport. And they called for Samson out of the prison house; and he made sport before them: and they set him between the pillars.
Isaanis utuma garaan isaanii gammadaa jiruu, “Akka inni nu bashannansiisuuf mee Saamsoonin waamaa” jedhan. Kanaafuu Saamsoonin mana hidhaatii waamanii fidan; innis isaan bashannansiise. Yommuu isaan utubaawwan gurguddaa gidduu isa dhaabachiisanitti,
26 and Samson said unto the lad that held him by the hand, Suffer me that I may feel the pillars whereupon the house resteth, that I may lean upon them.
Saamsoon tajaajilaa harka isaa qabee ture sanaan, “Akka ani itti irkadhuuf gara utubaawwan mana sagadaa kana qabanii dhaabaniitti na dhiʼeessi” jedhe.
27 Now the house was full of men and women; and all the lords of the Philistines were there; and there were upon the roof about three thousand men and women, that beheld while Samson made sport.
Manni sagadaa sun dhiiraa dubartiin guutamee ture; bulchitoonni Filisxeemotaa hundinuus achi turan; Saamsoonii tapha argisiisu ilaaluuf jedhanii namoonni kuma sadii bantii manichaa irra turan.
28 And Samson called unto the LORD, and said, O Lord GOD, remember member me, I pray thee, and strengthen me, I pray thee, only this once, O God, that I may be at once avenged of the Philistines for my two eyes.
Saamsoonis akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, na yaadadhu. Yaa Waaqi, akka ani ija koo lamaaniif Filisxeemota haaloo baafadhuuf yeroo tokko jabina naa kenni.”
29 And Samson took hold of the two middle pillars upon which the house rested, and leaned upon them, the one with his right hand, and the other with his left.
Saamsoonis ergasii utubaawwan gurguddaa lamaan kanneen walakkaa mana sagadaa sanaa dhaabatanii mana sana baatanitti hiixatee tokko harka isaa mirgaatiin, kaan immoo harka isaa bitaatiin qabatee,
30 And Samson said, Let me die with the Philistines. And he bowed himself with all his might; and the house fell upon the lords, and upon all the people that were therein. So the dead which he slew at his death were more than they which he slew in his life.
“Ani Filisxeemota wajjin duʼa!” jedhee humna qabu hundaan dhiibe; manichi sagadaas bulchitootaa fi namoota achi keessa turan hunda irratti jige. Kanaafuu namoonni inni yeroo duʼa isaatti ajjeese kanneen inni yeroo jireenya isaatti ajjeese caalaa baayʼee turan.
31 Then his brethren and all the house of his father came down, and took him, and brought him up, and buried him between Zorah and Eshtaol in the buryingplace of Manoah his father. And he judged Israel twenty years.
Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundinuu reeffa isaa fuudhuu gad buʼan. Isaanis isa fidanii Zoraa fi Eshitaaʼol gidduutti iddoo awwaala abbaa isaa kan Maanoʼaa keessatti isa awwaalan. Inni waggaa digdama Israaʼelin bulche.

< Judges 16 >