< Genesis 13 >

1 Abram went up out of Egypt—he, his wife, all that he had, and Lot with him—into the South.
Abraam niitii isaatii fi waan qabu hunda wajjin Gibxii kaʼee Negeebitti ol baʼe; Looxis isa wajjin deeme.
2 Abram was very rich in livestock, in silver, and in gold.
Abraamis horiin, meetii fi warqeedhaan akka malee soorome.
3 He went on his journeys from the South as far as Bethel, to the place where his tent had been at the beginning, between Bethel and Ai,
Innis Negeebii kaʼee hamma Beetʼeel, iddoo Beetʼeelii fi Aayi gidduu, lafa dunkaanni isaa jalqabatti ture sana gaʼutti iddoo tokkoo gara iddoo biraatti deemsa isaa itti fufe;
4 to the place of the altar, which he had made there at the first. There Abram called on Yahweh’s name.
iddoon sunis lafa inni yeroo jalqabaatiif iddoo aarsaa itti ijaaree dha. Abraamis achitti maqaa Waaqayyoo waammate.
5 Lot also, who went with Abram, had flocks, herds, and tents.
Loox namichi Abraam wajjin deemaa ture suni akkasuma bushaayee, saawwanii fi dunkaanota qaba ture.
6 The land was not able to bear them, that they might live together; for their possessions were so great that they couldn’t live together.
Yeroo isaan walii wajjin jiraatanitti lafti isaanitti dhiphatte; sababii qabeenyi isaanii akka malee guddateefis isaan wal bira jiraachuu hin dandeenye.
7 There was strife between the herdsmen of Abram’s livestock and the herdsmen of Lot’s livestock. The Canaanites and the Perizzites lived in the land at that time.
Kanaafuu tiksoota Abraamii fi tiksoota Loox gidduutti lolli uumame. Yeroo sanatti Kanaʼaanonnii fi Feerzonnis biyya sana keessa jiraachaa turan.
8 Abram said to Lot, “Please, let there be no strife between you and me, and between your herdsmen and my herdsmen; for we are relatives.
Abraamis Looxiin akkana jedhe; “Nu waan obboloota taaneef, siʼii fi ana gidduu yookaan tiksoota keetii fi tiksoota koo gidduu lolli hin jiraatin.
9 Isn’t the whole land before you? Please separate yourself from me. If you go to the left hand, then I will go to the right. Or if you go to the right hand, then I will go to the left.”
Lafti hundi fuula kee dura jirti mitii? Kottu gargari godaannaa. Yoo ati gara bitaatti deemte, ani gara mirgaatti nan deema; yoo ati gara mirgaatti deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.”
10 Lot lifted up his eyes, and saw all the plain of the Jordan, that it was well-watered everywhere, before Yahweh destroyed Sodom and Gomorrah, like the garden of Yahweh, like the land of Egypt, as you go to Zoar.
Looxis ol jedhee ilaalee akka hurufni Yordaanos hundi akkuma iddoo biqiltuu Waaqayyoo akkuma biyya Gibxi kan karaa Zoʼaar irra jiru sanaa bishaan baayʼee qabu arge. Kunis utuu Waaqayyo Sodoomii fi Gomoraa hin balleessiniin dura ture.
11 So Lot chose the Plain of the Jordan for himself. Lot traveled east, and they separated themselves from one other.
Kanaafuu Loox hurufa Yordaanos guutummaatti ofii isaatii filatee gara baʼa biiftuutti godaane. Jarri lamaanis akkasitti gargari baʼan.
12 Abram lived in the land of Canaan, and Lot lived in the cities of the plain, and moved his tent as far as Sodom.
Abraam biyya Kanaʼaan keessa jiraate; Loox immoo magaalaawwan dirree irra jiran gidduu jiraatee dunkaana isaa Sodoom bira dhaabbate.
13 Now the men of Sodom were exceedingly wicked and sinners against Yahweh.
Warri Sodoom jalʼoota fuula Waaqayyoo duratti akka malee cubbuu hojjetan turan.
14 Yahweh said to Abram, after Lot was separated from him, “Now, lift up your eyes, and look from the place where you are, northward and southward and eastward and westward,
Erga Loox isa biraa godaanee booddee Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe; “Iddoo amma jirtu kanaa ija kee ol fudhadhuutii gara kaabaa fi kibbaa, gara baʼa biiftuutii fi lixa biiftuu ilaali.
15 for I will give all the land which you see to you and to your offspring forever.
Anis biyya ati argitu kana hunda bara baraan siʼii fi sanyii keetiif nan kenna.
16 I will make your offspring as the dust of the earth, so that if a man can count the dust of the earth, then your offspring may also be counted.
Ani sanyii kee akkuma biyyoo lafaa nan baayʼisa; yoo namni biyyoo lafaa lakkaaʼuu dandaʼe, sanyiin kee akkasuma lakkaaʼamuu dandaʼa.
17 Arise, walk through the land in its length and in its width; for I will give it to you.”
Kaʼiitii dheerinaa fi balʼina lafa kanaa keessa dedeemi; ani isa siifin kennaatii.”
18 Abram moved his tent, and came and lived by the oaks of Mamre, which are in Hebron, and built an altar there to Yahweh.
Kanaafuu Abraam dunkaana isaa buqqifatee qilxuuwwan Mamree kanneen Kebroonitti argaman bira jiraachuu dhaqe; achittis iddoo aarsaa Waaqayyoof tolche.

< Genesis 13 >