< Matthew 9 >

1 He entered into a boat and crossed over, and came into his own city.
Yesuus bidiruu yaabbatee galaana ceʼee gara magaalaa isaa dhufe.
2 Behold, they brought to him a man who was paralyzed, lying on a bed. Jesus, seeing their faith, said to the paralytic, “Son, cheer up! Your sins are forgiven you.”
Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, “Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii” jedhe.
3 Behold, some of the scribes said to themselves, “This man blasphemes.”
Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, “Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!” jedhan.
4 Jesus, knowing their thoughts, said, “Why do you think evil in your hearts?
Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu?
5 For which is easier, to say, ‘Your sins are forgiven;’ or to say, ‘Get up, and walk’?
‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
6 But that you may know that the Son of Man has authority on earth to forgive sins—” (then he said to the paralytic), “Get up, and take up your mat, and go to your house.”
Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
7 He arose and departed to his house.
Namichis kaʼee mana isaatti gale.
8 But when the multitudes saw it, they marveled and glorified God, who had given such authority to men.
Namoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqifatan; Waaqa taayitaa akkasii namaaf kenneefis ulfina kennan.
9 As Jesus passed by from there, he saw a man called Matthew sitting at the tax collection office. He said to him, “Follow me.” He got up and followed him.
Yesuus achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe.
10 As he sat in the house, behold, many tax collectors and sinners came and sat down with Jesus and his disciples.
Yeroo Yesuus mana Maatewositti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaatan.
11 When the Pharisees saw it, they said to his disciples, “Why does your teacher eat with tax collectors and sinners?”
Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Barsiisaan keessan maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
12 When Jesus heard it, he said to them, “Those who are healthy have no need for a physician, but those who are sick do.
Yesuus immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; “Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
13 But you go and learn what this means: ‘I desire mercy, and not sacrifice,’ for I came not to call the righteous, but sinners to repentance.”
Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”
14 Then John’s disciples came to him, saying, “Why do we and the Pharisees fast often, but your disciples don’t fast?”
Barattoonni Yohannis dhufanii, “Sababiin utuu nuu fi Fariisonni soomnuu, barattoonni kee hin soomneef maali?” jedhanii isa gaafatan.
15 Jesus said to them, “Can the friends of the bridegroom mourn as long as the bridegroom is with them? But the days will come when the bridegroom will be taken away from them, and then they will fast.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu gadduu dandaʼu? Yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.
16 No one puts a piece of unshrunk cloth on an old garment; for the patch would tear away from the garment, and a worse hole is made.
“Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko illee hin jiru; erbeen sun uffata sana irraa tarsaasaatii; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
17 Neither do people put new wine into old wine skins, or else the skins would burst, and the wine be spilled, and the skins ruined. No, they put new wine into fresh wine skins, and both are preserved.”
Akkasuma immoo namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Yoo isaan itti naqan qalqallichi ni dhoʼa; daadhiinis ni dhangalaʼa; qalqalloonis horoomaa baʼa. Daadhiin wayinii haaraan garuu yoo qalqalloo haaraatti naqame lachanuu yeroo dheeraa turu.”
18 While he told these things to them, behold, a ruler came and worshiped him, saying, “My daughter has just died, but come and lay your hand on her, and she will live.”
Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii” jedheen.
19 Jesus got up and followed him, as did his disciples.
Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe.
20 Behold, a woman who had a discharge of blood for twelve years came behind him, and touched the fringe of his garment;
Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe.
21 for she said within herself, “If I just touch his garment, I will be made well.”
Isheenis garaa ishee keessatti, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
22 But Jesus, turning around and seeing her, said, “Daughter, cheer up! Your faith has made you well.” And the woman was made well from that hour.
Yesuusis garagalee ishee ilaalee, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!” jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite.
23 When Jesus came into the ruler’s house and saw the flute players and the crowd in noisy disorder,
Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti,
24 he said to them, “Make room, because the girl isn’t dead, but sleeping.” They were ridiculing him.
“Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee” jedhe. Isaan garuu isatti kolfan.
25 But when the crowd was sent out, he entered in, took her by the hand, and the girl arose.
Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte.
26 The report of this went out into all that land.
Oduun waaʼee kanaas biyya sana guutuu keessa facaʼe.
27 As Jesus passed by from there, two blind men followed him, calling out and saying, “Have mercy on us, son of David!”
Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan.
28 When he had come into the house, the blind men came to him. Jesus said to them, “Do you believe that I am able to do this?” They told him, “Yes, Lord.”
Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, “Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa!” jedhanii deebisaniif.
29 Then he touched their eyes, saying, “According to your faith be it done to you.”
Yesuusis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedheen.
30 Then their eyes were opened. Jesus strictly commanded them, saying, “See that no one knows about this.”
Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa” jedhee jabeessee isaan akeekkachiise.
31 But they went out and spread abroad his fame in all that land.
Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.
32 As they went out, behold, a mute man who was demon possessed was brought to him.
Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan.
33 When the demon was cast out, the mute man spoke. The multitudes marveled, saying, “Nothing like this has ever been seen in Israel!”
Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan.
34 But the Pharisees said, “By the prince of the demons, he casts out demons.”
Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan.
35 Jesus went about all the cities and the villages, teaching in their synagogues and preaching the Good News of the Kingdom, and healing every disease and every sickness among the people.
Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme.
36 But when he saw the multitudes, he was moved with compassion for them because they were harassed and scattered, like sheep without a shepherd.
Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.
37 Then he said to his disciples, “The harvest indeed is plentiful, but the laborers are few.
Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa.
38 Pray therefore that the Lord of the harvest will send out laborers into his harvest.”
Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”

< Matthew 9 >