< 2 Samuel 14 >

1 Now Joab the son of Zeruiah perceived that the king’s heart was towards Absalom.
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa akka garaan mootichaa Abesaaloom itti deebiʼe beeke.
2 Joab sent to Tekoa and brought a wise woman from there, and said to her, “Please act like a mourner, and put on mourning clothing, please, and don’t anoint yourself with oil; but be as a woman who has mourned a long time for the dead.
Kanaafuu Yooʼaab gara Teqooʼaatti nama ergee dubartii ogeettii tokko fichisiise. Innis akkana isheedhaan jedhe; “Sobiitii akka nama gadda keessa jiruu taʼi. Wayyaa gaddaa uffadhu; dibata kam iyyuu hin dibatin. Akka dubartii nama duʼe tokkoof guyyaa hedduu gaddite tokkoos taʼi.
3 Go in to the king and speak like this to him.” So Joab put the words in her mouth.
Mooticha bira dhaqiitii waan kana itti himi.” Yooʼaabis waan isheen dubbattu isheetti hime.
4 When the woman of Tekoa spoke to the king, she fell on her face to the ground, showed respect, and said, “Help, O king!”
Dubartiin sun yommuu Teqooʼaadhaa gara mootichaa dhuftetti ulfina isaaf kennuuf addaan lafatti gombifamtee, “Yaa mootii, na gargaari!” jette.
5 The king said to her, “What ails you?” She answered, “Truly I am a widow, and my husband is dead.
Mootichis, “Ati maal rakkatte?” jedhee ishee gaafate. Isheenis akkana jette; “Sababii dhirsi koo duʼeef ani dhugumaan niitii dhirsa hin qabnee dha.
6 Your servant had two sons; and they both fought together in the field, and there was no one to part them, but the one struck the other and killed him.
Ani garbittiin kee ilmaan lama qaban ture. Isaanis alatti wal lolan; sababii namni wal irraa isaan dhowwu tokko iyyuu achi hin turiniif inni tokko isa kaan dhaʼee ajjeese.
7 Behold, the whole family has risen against your servant, and they say, ‘Deliver him who struck his brother, that we may kill him for the life of his brother whom he killed, and so destroy the heir also.’ Thus they would quench my coal which is left, and would leave to my husband neither name nor remainder on the surface of the earth.”
Kunoo, gosti hundi ana garbittii keetti kaʼeera; isaanis, ‘Waan inni obboleessa ofii isaa ajjeeseef akka nu sababii lubbuu obboleessa isaa kan inni ajjeese sanaa isa ajjeefnuuf dabarsii nutti kenni; ergasii dhaaltuu isaa illee ni galaafanna’ jedhu. Isaanis akkasiin akka dhirsi koo maqaa yookaan sanyii lafa irraa hin qabaanneef ibsaa koo tokkicha hafe kana dhaamsu.”
8 The king said to the woman, “Go to your house, and I will give a command concerning you.”
Mootichis dubartii sanaan, “Ani waaʼee keetiif ajaja nan dabarsaatii ati mana keetti gali” jedhe.
9 The woman of Tekoa said to the king, “My lord, O king, may the iniquity be on me, and on my father’s house; and may the king and his throne be guiltless.”
Dubartiin Teqooʼaa sun garuu, “Yaa gooftaa ko, yaa mooticha, yakki sun anaa fi maatii abbaa koo irra haa buʼu; mootichii fi teessoon isaa yakka irraa haa qulqullaaʼan” jette.
10 The king said, “Whoever says anything to you, bring him to me, and he will not bother you any more.”
Mootichis deebisee, “Yoo namni kam iyyuu waan tokko illee sitti dubbate isa natti fidi; innis deebiʼee si hin rakkisu” jedhe.
11 Then she said, “Please let the king remember the LORD your God, that the avenger of blood destroy not any more, lest they destroy my son.” He said, “As the LORD lives, not one hair of your son shall fall to the earth.”
Ishee immoo, “Kanaafuu akka namni haaloo dhiigaa baasu sun ittuma fufee nama biraa ajjeesee akkasiin ilmi koo hin ajjeefamneef mootichi Waaqayyoon Waaqa isaa haa waammatu” jette. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, rifeensi tokkittiin mataa ilma keetii irraa lafa hin buʼu” jedhe.
12 Then the woman said, “Please let your servant speak a word to my lord the king.” He said, “Say on.”
Ergasiis dubartittiin, “Akka ani garbittiin kee gooftaa koo mootichatti dubbii tokkittii dubbadhu naa eeyyami” jette. Innis, “Dubbadhu” jedhee deebise.
13 The woman said, “Why then have you devised such a thing against the people of God? For in speaking this word the king is as one who is guilty, in that the king does not bring home again his banished one.
Dubartittiin immoo akkana jette; “Yoos ati maaliif waan akkasii saba Waaqaatti yaadde? Mootichi ilma isaa kan biyyaa baqate sana hin deebifneetii; akkana jechuun isaa ofitti muruu isaa mitii?
14 For we must die, and are like water spilled on the ground, which can’t be gathered up again; neither does God take away life, but devises means, that he who is banished not be an outcast from him.
Nus akkuma bishaan lafatti dhangalaʼee deebiʼee hin waraabamneetti ni duuna. Waaqni garuu karaa namni biyyaa baqate sun ittiin deebiʼu barbaada malee akka inni isa irraa fagaatee hafu hin fedhu.
15 Now therefore, seeing that I have come to speak this word to my lord the king, it is because the people have made me afraid. Your servant said, ‘I will now speak to the king; it may be that the king will perform the request of his servant.’
“Kanaafuu sababii namoonni na sodaachisaniif ani dubbii kana gooftaa koo mootichatti himuuf dhufeera. Garbittiin kees waan kana yaadde; ‘Ani mooticha nan gaafadha; innis waan garbittiin isaa gaafatte tole jedha taʼa.
16 For the king will hear, to deliver his servant out of the hand of the man who would destroy me and my son together out of the inheritance of God.
Mootichi waan kana dhagaʼee harka namicha anaa fi ilma koo dhaala Waaqni nuu kenne nu dhabsiisuu yaaluu jalaa garbittii isaa ni baasaatii.’
17 Then your servant said, ‘Please let the word of my lord the king bring rest; for as an angel of God, so is my lord the king to discern good and bad. May the LORD, your God, be with you.’”
“Ammas garbittiin kee akkana jetti; ‘Sababii gooftaan koo mootichi waan gaarii fi hamaa gargari baasee beekuutti akkuma ergamaa Waaqayyoo taʼeef dubbiin gooftaa koo mootichaa boqonnaa naaf haa kennu. Waaqayyo Waaqni kee si wajjin haa taʼu.’”
18 Then the king answered the woman, “Please don’t hide anything from me that I ask you.” The woman said, “Let my lord the king now speak.”
Kana irratti mootichi dubartittiidhaan, “Ati waan ani si gaafadhu kam iyyuu na hin dhoksin” jedhe. Dubartittiinis, “Gooftaan koo mootichi haa dubbatu” jette.
19 The king said, “Is the hand of Joab with you in all this?” The woman answered, “As your soul lives, my lord the king, no one can turn to the right hand or to the left from anything that my lord the king has spoken; for your servant Joab urged me, and he put all these words in the mouth of your servant.
Mootichi, “Waan kana hunda keessatti harki Yooʼaab si wajjin jiraa?” jedhee gaafate. Dubartiin sun immoo akkana jettee deebifte; “Yaa gooftaa koo mooticha, duʼa kee ti; dubbii gooftaan koo mootichi dubbatu irraa namni gara mirgaatti yookaan gara bitaatti goruu dandaʼu tokko illee hin jiru. Dhuguma namni akka ani waan kana dubbadhu na ajajee fi kan dubbii kana hundas afaan garbittii keetii keessa kaaʼe Yooʼaabuma garbicha kee ti.
20 Your servant Joab has done this thing to change the face of the matter. My lord is wise, according to the wisdom of an angel of God, to know all things that are in the earth.”
Yooʼaab garbichi kee waan kana gochuun isaa haala yeroo ammaa jiru geeddaruuf. Gooftaan koo ogummaa akkuma ogummaa ergamaa Waaqayyoo qaba; inni waan lafa irratti taʼu hunda ni beeka.”
21 The king said to Joab, “Behold now, I have granted this thing. Go therefore, and bring the young man Absalom back.”
Mootichis Yooʼaabiin, “Tole; ani waan kana nan godha. Ati dhaqii Abesaaloom dargaggeessicha fidi” jedhe.
22 Joab fell to the ground on his face, showed respect, and blessed the king. Joab said, “Today your servant knows that I have found favour in your sight, my lord, O king, in that the king has performed the request of his servant.”
Yooʼaabis ulfina isaaf kennuuf addaan gombifamee mooticha eebbise. Yooʼaab, “Sababii mootichi kadhannaa garbicha isaa dhagaʼeef inni akka fuula gooftaa isaa mootichaa duratti fudhatama argate harʼa ni beeka” jedhe.
23 So Joab arose and went to Geshur, and brought Absalom to Jerusalem.
Ergasii Yooʼaab Geshuur dhaqee Abesaaloomin deebisee Yerusaalemitti fide.
24 The king said, “Let him return to his own house, but let him not see my face.” So Absalom returned to his own house, and didn’t see the king’s face.
Mootichi garuu, “Inni gara mana isaa deemuu qaba; inni fuula koo arguu hin qabu” jedhe. Kanaafuu Abesaaloom gara mana isaatti gale; fuula mootichaas hin argine.
25 Now in all Israel there was no one to be so much praised as Absalom for his beauty. From the sole of his foot even to the crown of his head there was no defect in him.
Guutummaa Israaʼel keessa namni akka Abesaaloom miidhaguma isaatiin baayʼee jajame tokko iyyuu hin turre. Inni mataa isaatii jalqabee hamma faana miilla isaatti hirʼina tokko iyyuu hin qabu ture.
26 When he cut the hair of his head (now it was at every year’s end that he cut it; because it was heavy on him, therefore he cut it), he weighed the hair of his head at two hundred shekels, after the king’s weight.
Yommuu rifeensi mataa isaa itti ulfaatutti waggaatti yeroo tokko of irraa mura ture; yeroo inni rifeensa mataa isaa kana madaalli mootiitiin madaaluttis rifeensi isaa saqilii dhibba lama ulfaata ture.
27 Three sons were born to Absalom, and one daughter, whose name was Tamar. She was a woman with a beautiful face.
Abesaaloom ilmaan sadii fi intala tokko dhalche. Maqaan intala sanaa Taamaar jedhama; isheenis dubartii akka malee bareeddu turte.
28 Absalom lived two full years in Jerusalem, and he didn’t see the king’s face.
Abesaaloom utuu fuula mootichaa hin argin waggaa lama Yerusaalem keessa jiraate.
29 Then Absalom sent for Joab, to send him to the king, but he would not come to him. Then he sent again a second time, but he would not come.
Ergasii Abesaaloom Yooʼaabin gara mootichaatti erguuf jedhee nama itti erge; Yooʼaab garuu isa bira dhufuu dide. Kanaafuu yeroo lammaffaa nama itti erge; inni garuu dhufuu dide.
30 Therefore he said to his servants, “Behold, Joab’s field is near mine, and he has barley there. Go and set it on fire.” So Absalom’s servants set the field on fire.
Ergasiis Abesaaloom hojjettoota isaatiin, “Ilaa, lafti qotiisaa Yooʼaab lafa qotiisaa kootti aana; innis garbuu achii qaba. Dhaqaatii ibidda itti qabsiisaa” jedhe. Kanaafuu hojjettoonni Abesaaloom dhaqanii lafa qotiisaa sanatti ibidda qabsiisan.
31 Then Joab arose and came to Absalom to his house, and said to him, “Why have your servants set my field on fire?”
Kana irratti Yooʼaab gara mana Abesaaloom dhaqee, “Hojjettoonni kee maaliif lafa qotiisaa kootti ibidda qabsiisan?” jedheen.
32 Absalom answered Joab, “Behold, I sent to you, saying, ‘Come here, that I may send you to the king, to say, “Why have I come from Geshur? It would be better for me to be there still. Now therefore, let me see the king’s face; and if there is iniquity in me, let him kill me.”’”
Abesaaloomis deebisee Yooʼaabiin akkana jedhe; “Kunoo ani akka ati, ‘Inni, “Ani maaliifin Geshuurii dhufe? Utuun hamma ammaatti achuma jiraadhee naaf wayya ture!” jedha’ jettee mootichatti naaf himtuuf gara mootichaatti si ergachuuf, na bira kottu jedhee sitti dhaammadheen ture. Ani amma illee fuula mootichaa arguun fedha; yoo ani yakka tokko illee hojjedhee jiraadhe inni na haa ajjeesu.”
33 So Joab came to the king and told him; and when he had called for Absalom, he came to the king and bowed himself on his face to the ground before the king; and the king kissed Absalom.
Kanaafuu Yooʼaab gara mootichaa dhaqee waan kana itti hime. Mootichis Abesaaloomin waamsise; innis dhufee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifame. Mootichis Abesaaloomin dhungate.

< 2 Samuel 14 >