< Genesis 43 >

1 The famine was severe in the land.
Amma illee beelli biyyattiitti baayʼee hammaatee ture.
2 When they had eaten up the grain which they had brought out of Egypt, their father said to them, “Go again, buy us a little more food.”
Erga isaan midhaan biyya Gibxiitii fidan sana nyaatanii fixanii booddee abbaan isaanii, “Ammas dhaqaatii midhaan xinnoo dabalaa nuu bitaa” jedheen.
3 Judah spoke to him, saying, “The man solemnly warned us, saying, ‘You shall not see my face, unless your brother is with you.’
Yihuudaan immoo akkana isaan jedhe; “Namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ jedhee of eeggannoo cimaa nuu kenne.
4 If you’ll send our brother with us, we’ll go down and buy you food;
Yoo ati obboleessa keenya nu wajjin ergite nu dhaqnee midhaan siif binna.
5 but if you don’t send him, we won’t go down, for the man said to us, ‘You shall not see my face, unless your brother is with you.’”
Sababii namichi sun, ‘Yoo obboleessi keessan isin wajjin dhufe malee isin lammata ija koo hin argitan’ nuun jedheef, yoo ati isa ergite malee nu gad hin buunu.”
6 Israel said, “Why did you treat me so badly, telling the man that you had another brother?”
Israaʼel immoo, “Isin maaliif akka obboleessa biraa qabdan namichatti himuudhaan rakkina natti fiddan?” jedhee gaafate.
7 They said, “The man asked directly concerning ourselves, and concerning our relatives, saying, ‘Is your father still alive? Have you another brother?’ We just answered his questions. Is there any way we could know that he would say, ‘Bring your brother down’?”
Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namichi waaʼee mataa keenyaatii fi waaʼee maatii keenyaa jabeessee nu gaafate. Innis, ‘Abbaan keessan amma iyyuu jiraa? Obboleessa biraa qabduu?’ jedhee nu gaafate; nu gaaffiidhuma isaa deebifneef. Yoos akka inni, ‘Obboleessa keessan as fidaa’ nuun jedhu akkamiin beekuu dandeenya ree?”
8 Judah said to Israel, his father, “Send the boy with me, and we’ll get up and go, so that we may live, and not die, both we, and you, and also our little ones.
Yihuudaanis abbaa isaa Israaʼeliin akkana jedhe; “Akka nu, atii fi ijoolleen keenya duʼa jalaa baanee jiraannuuf gurbicha na wajjin ergi; nu kaanee deemnaatii.
9 I’ll be collateral for him. From my hand will you require him. If I don’t bring him to you, and set him before you, then let me bear the blame forever;
Ani wabii isaafin taʼa; waaʼee isaas anuma mataa koo gaafachuu ni dandeessa. Yoo ani deebisee isa siif fidee fuula kee dura dhaabuu baadhe, ani bara jireenya koo guutuu fuula kee duratti balleessaa kanatti nan gaafatama.
10 for if we hadn’t delayed, surely we would have returned a second time by now.”
Utuu turuu baannee silaa yoona yeroo lama dhaqnee deebineerra ture.”
11 Their father, Israel, said to them, “If it must be so, then do this: Take from the choice fruits of the land in your bags, and carry down a present for the man, a little balm, a little honey, spices and myrrh, nuts, and almonds;
Kana irratti abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe; “Erga akkas taʼee waan kana godhaa; oomisha biyya kanaa filatamaa keessaa kennaa tokko tokko jechuunis haphee dibatan xinnoo ishee, damma xinnaa isaa, urgooftuu fi qumbii xinnoo ishee, ocholoonii fi lawuzii xinnoo ishee geessaatii namichaaf kennaa.
12 and take double money in your hand, and take back the money that was returned in the mouth of your sacks. Perhaps it was an oversight.
Isin waan meetii afaan qalqalloo keessanii keessa kaaʼamee isinii deebiʼe sana deebisuu qabdaniif meetii sana harka lama fudhadhaatii deemaa; meetiin sun dogoggoraan dhufe taʼaatii.
13 Take your brother also, get up, and return to the man.
Obboleessa keessanis fudhadhaatii dafaa gara namichaatti deebiʼaa.
14 May God Almighty give you mercy before the man, that he may release to you your other brother and Benjamin. If I am bereaved of my children, I am bereaved.”
Akka inni obboleessa keessan kaanii fi Beniyaam illee isin wajjin deebisee erguuf Waaqni Waan Hunda Dandaʼu akka namichi garaa isinii laafu haa godhu. Ani yoo ijoollee dhabe illee ijoollee nan dhaba.”
15 The men took that present, and they took double money in their hand, and Benjamin; and got up, went down to Egypt, and stood before Joseph.
Namoonni sunis kennaawwan sana, meetii sana harka lamaa fi Beniyaaminis fudhatanii ariitiidhaan Gibxitti gad buʼanii fuula Yoosef dura dhadhaabatan.
16 When Joseph saw Benjamin with them, he said to the steward of his house, “Bring the men into the house, and butcher an animal, and prepare; for the men will dine with me at noon.”
Yoosefis yommuu Beniyaamin isaan biratti argetti hangafa hojjettoota mana isaatiin, “Namoota kana mana kootti geessi; horii tokko qalii nyaata qopheessi; isaan saʼaatii jaʼatti na wajjin nyaatuutii” jedhe.
17 The man did as Joseph commanded, and the man brought the men to Joseph’s house.
Namichi sunis akkuma Yoosef isa ajaje godhe; jara sanas mana Yoosefitti geesse.
18 The men were afraid, because they were brought to Joseph’s house; and they said, “Because of the money that was returned in our sacks the first time, we’re brought in; that he may seek occasion against us, attack us, and seize us as slaves, along with our donkeys.”
Namoonni sun yeroo mana Yoosefitti geeffamanitti sodaatanii akkana jedhan; “Nu sababii meetii yeroo jalqabaa deebiʼee afaan qalqalloo keenyaa keessatti argame sanaatiif as fidamne; inni nu rukutee, nu moʼatee, akka garbootaatti nu qabatee harroota keenya fudhachuu barbaada.”
19 They came near to the steward of Joseph’s house, and they spoke to him at the door of the house,
Kanaafuu jarri gara hangafa hojjettoota Yoosefitti ol baʼanii balbala manaa duratti itti dubbatan.
20 and said, “Oh, my lord, we indeed came down the first time to buy food.
Akkanas jedhan; “Yaa gooftaa, nu yeroo jalqabaa midhaan bitachuuf as gad buunee turre.
21 When we came to the lodging place, we opened our sacks, and behold, each man’s money was in the mouth of his sack, our money in full weight. We have brought it back in our hand.
Nus yeroo iddoo bullu geenyee qalqalloo keenya bannetti tokkoon tokkoon keenya afaan qalqalloo keenyaa keessatti meetii keenya akkuma jirutti arganne. Kanaafuu meetii sana deebifnee fidnee dhufneerra.
22 We have brought down other money in our hand to buy food. We don’t know who put our money in our sacks.”
Meetii biraas ittiin midhaan bitachuuf fidnee dhufneerra. Eenyu akka meetii keenya qalqalloo keenya keessa nuu kaaʼes hin beeknu.”
23 He said, “Peace be to you. Don’t be afraid. Your God, and the God of your father, has given you treasure in your sacks. I received your money.” He brought Simeon out to them.
Innis deebisee, “Homaa miti; hin sodaatinaa. Waaqni keessan, Waaqni abbaa keessanii qalqalloo keessanitti badhaadhummaa isinii naqeera; meetiin keessan na gaʼee jira” jedheen. Ergasiis Simiʼoonin gara isaaniitti gad baase.
24 The man brought the men into Joseph’s house, and gave them water, and they washed their feet. He gave their donkeys fodder.
Hangafni hojjettootaa sunis jara sana mana Yoosefitti geessee akka isaan miilla isaanii dhiqataniif bishaan kenneef; harroota isaaniitiif immoo okaa kenne.
25 They prepared the present for Joseph’s coming at noon, for they heard that they should eat bread there.
Isaanis achitti akka nyaatan waan dhagaʼaniif dhufaatii Yoosef kan saʼaatii jaʼaatiif kennaa isaanii qopheeffatan.
26 When Joseph came home, they brought him the present which was in their hand into the house, and bowed themselves down to the earth before him.
Yeroo Yoosef manatti galetti isaan kennaa manatti ol galchanii turan sana kennaniif; fuula isaa durattis lafatti gombifamanii harka fuudhan.
27 He asked them of their welfare, and said, “Is your father well, the old man of whom you spoke? Is he yet alive?”
Innis nagaa isaan gaafatee, “Abbaan keessan jaarsi isin waaʼee isaa natti himtan sun akkam? Inni amma iyyuu jiraa?” jedheen.
28 They said, “Your servant, our father, is well. He is still alive.” They bowed down humbly.
Jarris, “Tajaajilaan kee abbaan keenya amma iyyuu ni jira; nagumas” jedhanii deebisan. Ulfina isaaf kennuufis gad jedhan.
29 He lifted up his eyes, and saw Benjamin, his brother, his mother’s son, and said, “Is this your youngest brother, of whom you spoke to me?” He said, “God be gracious to you, my son.”
Innis ol ilaalee obboleessa isaa, ilma haadha isaa Beniyaamin argee, “Inni kun obboleessa keessan quxisuu isin waaʼee isaa natti himtan sanaa?” jedhee gaafate. Itti fufees, “Ilma ko, Waaqni si haa eebbisu” jedheen.
30 Joseph hurried, for his heart yearned over his brother; and he sought a place to weep. He entered into his room, and wept there.
Yoosef yommuu obboleessa isaa argetti garaan raafamee dafee gad baʼe; booʼuu barbaadees kutaa mana isaa seenee achitti booʼe.
31 He washed his face, and came out. He controlled himself, and said, “Serve the meal.”
Ergasiis fuula isaa dhiqatee gad baʼe; of jajjabeessees, “Nyaanni haa dhiʼaatu” jedhe.
32 They served him by himself, and them by themselves, and the Egyptians who ate with him by themselves, because the Egyptians don’t eat with the Hebrews, for that is an abomination to the Egyptians.
Jarris sababii warri Gibxi Ibroota wajjin hin nyaanneef Yoosefiif kophaatti, obboloota isaatiif kophaatti, warra Gibxi kanneen isa wajjin nyaataniifis kophaatti dhiʼeessan; Ibroota wajjin nyaachuun warra Gibxi biratti jibbisiisaa tureetii.
33 They sat before him, the firstborn according to his birthright, and the youngest according to his youth, and the men marvelled with one another.
Namoonni sunis akkuma umurii isaaniitti hangafaa jalqabanii hamma quxisuutti fuula isaa dura tataaʼanii dinqifatanii wal ilaalan.
34 He sent portions to them from before him, but Benjamin’s portion was five times as much as any of theirs. They drank, and were merry with him.
Maaddii Yoosef irraas nyaanni qoodameef; qoodni Beniyaam garuu qooda tokko tokko isaaniitiif kenname dachaa shan taʼa ture. Jarris akkasiin Yoosef wajjin dhuganii itti hoʼe.

< Genesis 43 >