< 2 Rois 4 >

1 Et une femme des fils des prophètes invoqua le secours d'Elisée, disant: Mon mari, ton serviteur, est mort, et tu sais que ton serviteur avait la crainte de Dieu; or, son créancier est venu réclamer pour lui mes deux fils, et ils seront ses esclaves.
Niitiin namicha ilmaan raajotaa keessaa tokko taʼe tokkoo sagalee ol fudhattee Elsaaʼiin akkana jette; “Dhirsi koo garbichi kee duʼeera; akka inni Waaqayyoon sodaachaa ture atuu ni beekta. Namichi liqii isa irraa qabu tokko garuu amma ilmaan koo lamaan fudhatee garboomfachuuf dhufaa jira.”
2 Elisée répondit: Que ferai-je pour toi? Qu'as-tu en ta maison? Elle reprit: Ta servante n'a rien dans sa maison, sinon l'huile dont je dois m'oindre.
Elsaaʼis, “Ani akkamittin si gargaaruu dandaʼa? Mee natti himi; mana kee keessaa maal qabdaa?” jedheen. Isheenis, “Garbittiin kee zayitii xinnoo tokko malee homaa manaa hin qabdu” jettee deebifte.
3 Et il lui dit: Va, demande à tous tes voisins des vases vides, et ne te contente pas d'un petit nombre.
Elsaaʼi akkana jedheen; “Dhaqiitii warra ollaa keetii hunda okkotee duwwaa hedduu kadhadhu. Muraasa hin kadhatin.
4 Puis, tu rentreras; tu fermeras la porte sur toi et sur tes fils; tu verseras ton huile dans ces vases; et à mesure que tu les auras remplis, tu les enlèveras.
Ergasii ol galiitii ofii keetii fi ilmaan keetti balbala cufi. Okkotee hundatti zayitii naqiitii yommuu tokkoon tokkoon isaa guutamutti jalaa hiiqsi.”
5 Elle s'éloigna d'Elisée; et ferma sa porte sur elle et sur ses fils: ceux-ci lui apportèrent les vases, elle y versa l'huile jusqu'à ce qu'ils en fussent pleins.
Isheenis isa biraa deemtee ofii isheettii fi ilmaan isheetti balbala cufte. Ilmaan ishee okkotee gara isheetti fidan; isheen immoo zayitii itti naqaa turte.
6 Et elle dit à ses fils: Approchez encore un vase. Il n'y en a plus, dirent-ils. Et l'huile cessa de couler.
Okkoteen hundi guutamnaan isheen ilma isheetiin, “kan biraa naaf fidi” jette. Inni immoo, “Okkoteen tokko iyyuu hin hafne” jedhee deebiseef. Kana irratti zayitiin sun yaaʼuu dhiise.
7 Alors elle alla trouver l'homme de Dieu, et lui raconta ce qui venait d'arriver. Elisée lui dit: Pars, et donne de l'huile en paiement; tu acquitteras ainsi ta dette; ensuite, toi et tes deux fils vous vivrez du reste de l'huile.
Isheen dhaqxee nama Waaqaa sanatti himte; innis, “Dhaqii zayitii sana gurguriitii liqii kee baafadhu. Atii fi ilmaan kee waan hafeen jiraachuu ni dandeessu” jedhe.
8 Un autre jour, Elisée traversa Sunam; il y avait là une femme riche qui le contraignit de manger de son pain; plus tard, toutes les fois qu'il entrait en cette ville après une longue marche, il allait chez elle, et il y mangeait.
Gaaf tokko Elsaaʼi kaʼee Suunam dhaqe. Dubartiin soorettiin tokko achi jiraatti turte; isheenis akka inni goree waa nyaatuuf Elsaaʼi kadhatte. Kanaafuu inni yeroo karaa sanaan darbu hunda goree waa nyaata ture.
9 Et la femme dit à son mari: Je vois bien que ce saint homme qui vient toujours chez nous est un homme de Dieu.
Isheenis dhirsa isheetiin akkana jette; “Ani namichi yeroo hunda karaa keenyaan darbu kun qulqulluu nama Waaqaa akka taʼe nan beeka.
10 Préparons pour lui une chambre haute, il ne la lui faut pas bien grande; mettons-y un lit, une table, une chaise, une lampe, et il y couchera quand il viendra chez nous.
Kottu mee bantii manaa irratti kutaa xinnaa tokko ijaarree siree fi minjaala, barcumaa fi ibsaa achi keessa haa keenyuuf. Ergasiis inni yeroo nu bira dhufu hunda achi jiraachuu dandaʼa.”
11 Or, un jour, il entra dans cette maison, monta à sa chambre, et se mit au lit.
Elsaaʼis gaaf tokko dhufee ol baʼee kutaa isaa sana keessa ciise.
12 Puis, il dit à Giézi, son serviteur: Appelle-moi cette Sunamite. Giézi l'appela, et elle se tint devant Elisée,
Innis tajaajilaa isaa Gehaaziin, “Mee dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Gehaaz ishee waamnaan isheen dhuftee fuula Elsaaʼi dura dhaabatte.
13 Qui dit à son serviteur, dis-lui: Voilà que pour nous tu t'es donné tous ces soins: que devons-nous faire en ta faveur? As-tu quelque chose à demander au roi ou à l'un des chefs de l'armée? Elle répondit: Je suis dans ma maison, au milieu de mon peuple.
Elsaaʼi immoo akkana isaan jedhe; “‘Ati nuuf jettee baayʼee dadhabdeerta. Amma maal siif haa godhu? Iddoo kee buunee mootichatti yookaan ajajaa loltootaatti siif dubbannuu?’ jedhii isheetti himi.” Ishee immoo, “Ani saba koo gidduun jiraadha” jettee deebifte.
14 Or, Elisée dit à Giézi: Que faut-il faire pour elle? Giézi, son serviteur, répondit: Elle n'a point de fils, et son mari est vieux.
Elsaaʼis, “Maaltu isheef godhamuu dandaʼa?” jedhee gaafate. Gehaaz immoo, “Isheen ilma hin qabdu; dhirsi ishees dulloomee jira” jedheen.
15 Et il la rappela; mais elle était restée près de la porte.
Elsaaʼis, “Ishee waami” jedheen. Kanaafuu inni ishee waame; isheenis balbala dura dhaabatte.
16 Elisée lui dit: A pareille époque l'an prochain, en cette même saison, tu vivras et tu embrasseras un fils. Et elle s'écria: Non, seigneur, ne trompe point ta servante.
Elsaaʼi, “Ati waggaa dhufu keessa yeroo kanatti ilma ni hammatta” jedheen. Isheen immoo, “Akkas miti yaa gooftaa koo; yaa nama Waaqaa, ati garbittii kee hin gowwoomsin!” jette.
17 En effet, la femme conçut; elle enfanta un fils au temps, en la saison, que lui avait dits Elisée, et elle vécut.
Dubartiin sun garuu ni ulfoofte; akkuma Elsaaʼi isheetti hime sanatti waggaa itti aanu keessa yeruma sanatti ilma deesse.
18 Et l'enfant grandit, et un jour qu'il était vers son père auprès des moissonneurs,
Mucaan sunis ni guddate; innis gaaf tokko gara warra midhaan haamanii abbaa isaa bira dhaqe.
19 Il dit à son père: Ma tête! ma tête! Et le père dit à son serviteur: Porte-le à sa mère.
Innis abbaa isaatiin, “Mataa koo! Mataa koo!” jedhe. Abbaan isaa immoo hojjetaa tokkoon, “Baadhuutii gara haadha isaatti isa geessi” jedhe.
20 Et le serviteur le porta à sa mère, qui le tint couché sur ses genoux jusqu'au milieu du jour; alors, il mourut.
Erga hojjetaan sun fuudhee gara haadha isaati isa geessee booddee mucaan sun hamma saafaatti gudeeda haadha isaa irra taaʼee ergasii immoo ni duʼe.
21 Et elle l'emporta, l'étendit sur le lit de l'homme de Dieu, ferma sur lui la porte et sortit de la maison.
Isheen ol baatee siree nama Waaqaa sanaa irra isa ciibsite; mana itti cuftees kaatee biraa deemte.
22 Puis, elle appela son mari et lui dit: Envoie-moi l'un de tes serviteurs et une ânesse; je courrai jusqu'à l'homme de Dieu, et je reviendrai.
Isheen dhirsa ishee waamtee, “Mee akka ani dafee gara nama Waaqaa dhaqee deebiʼuuf hojjetaa tokkoo fi harree tokko naaf ergi” jetteen.
23 Mais il dit: Pourquoi veux-tu l'aller trouver ce jour-ci, qui n'est ni sabbat ni nouvelle lune? Or, elle reprit: C'est bien.
Inni immoo, “Harʼa ayyaana baatii miti yookaan Sanbata miti. Ati maaliif harʼa gara isaa dhaqxa ree?” jedheen. Isheen, “Nagumaafin dhaqa” jette.
24 Aussitôt, elle bâta son ânesse, et elle dit à son serviteur: Allons, marche, ne m'arrête point, sur ma monture, que je ne te dise: C'est ici; alors tu iras trouver l'homme de Dieu au mont Carmel.
Isheenis harree ishee irra kooraa kaaʼattee hojjetaa isheetiin, “Karaa qabadhu; yoo ani sitti hime malee anaaf jettee suuta hin deemsisin” jette.
25 Elle partit donc, et alla jusqu'à l'homme de Dieu sur la montagne. Dès qu'Elisée l'aperçut venant à lui, il dit à Giézi, son serviteur: Voilà certainement cette Sunamite.
Kanaafuu isheen kaatee gara Tulluu Qarmeloos nama Waaqaa sana bira dhaqxe. Namni Waaqaa sun fagootti ishee arginaan tajaajilaa isaa Gehaaziin akkana jedhe; “Ilaa! Dubartiin Suunam sun kuunnoo ti!
26 Cours à sa rencontre, dis-lui: Vas-tu bien, et ton époux, et ton enfant? Elle répondit: Tout va bien.
Fiigii ishee simadhuutii, ‘Ati fayyumaa? Dhirsi kee fayyumaa? Mucaan kee fayyumaa?’ jedhii gaafadhu.” Isheenis, “Wanni hundinuu naguma” jettee deebifte.
27 Puis, elle aborda Elisée sur la montagne, elle lui baisa les pieds, et Giézi s'avança pour la repousser; mais Elisée lui dit: Laisse-la, car son âme est pleine de douleur, et le Seigneur s'est caché de moi; il ne me l'a point dit.
Isheen yommuu tulluu sana irratti nama Waaqaa sana bira geessetti, jabeessitee miilla isaa qabatte. Gehaaz immoo gad dhiisisuuf dhufe; namni Waaqaa sun garuu, “Ishee hin tuqin! Isheen gadda guddaa keessa jirti; Waaqayyo garuu waan kana na dhokse; nattis hin himne” jedhe.
28 Et la femme ajouta: Est-ce que j'avais demandé à mon maître un fils? N'avais-je point dit: Ne me trompe pas?
Isheenis, “Yaa gooftaa koo ani ilma si kadhadheeraa? Ani, ‘Na hin gowwoomsin’ siin hin jennee?” jetteen.
29 Et Elisée dit à Giézi: Ceins-toi les reins, prends en ta main mon bâton, et pars; si tu rencontres un homme, ne le bénis pas; si un homme te bénit, ne lui réponds pas; ensuite, tu poseras mon bâton sur le visage de l'enfant.
Kana irratti Elsaaʼi Gehaaziin akkana jedhe; “Sabbataan mudhii kee hidhadhuutii, ulee koo harkatti qabadhuutii fiigi. Nama karaatti argite tokko illee hin dubbisin; yoo namni kam iyyuu si dubbise deebii hin kenniniif; ulee koos fuula mucaa sanaa irra kaaʼi.”
30 Et la mère de l'enfant dit: Vive le Seigneur et vive ton âme! je ne te quitterai point. Elisée se leva donc, et la suivit.
Haati daaʼima sanaa garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani si dhiisee hin deemu” jette. Kanaafuu inni kaʼee ishee duukaa buʼe.
31 Cependant, Giézi la devança; il posa le bâton sur le visage de l'enfant; mais il n'y avait plus de voix pour lui répondre, plus d'oreilles pour l'ouir; enfin il revint au-devant d'elle, et lui dit: L'enfant ne s'est point réveillé.
Gehaaz isaan dura darbee ulee sana fuula mucaa irra kaaʼe; garuu sagaleen yookaan mallattoon tokko iyyuu hin turre. Kanaaf Gehaaz gara Elsaaʼitti deebiʼee, “Mucaan hin dammaqne” jedhee itti hime.
32 Et Elisée entra dans la maison; il vit l'enfant mort étendu sur son lit.
Yommuu Elsaaʼi mana gaʼetti mucaan sun duʼee siree isaa irra ciisaa ture.
33 Et à peine entré dans la maison, Elisée ferma la porte sur eux tous, et il adora le Seigneur.
Elsaaʼis ol seenee, ofii fi mucaatti balbala cufee Waaqayyoon kadhate.
34 Il monta sur le lit; il se coucha sur l'enfant; il mit sa bouche contre sa bouche, ses yeux contre ses yeux, ses mains sur ses mains; il se courba sur lui, et la chair de l'enfant fut réchauffée.
Ergasiis siree yaabbatee, afaan isaa afaan mucaa irra, ija isaa ija mucaa irra, harka isaa harka mucaa irra kaaʼee mucicha irra ciise. Akkuma inni mucaa sana irratti diriireen dhagni mucaa hoʼuu jalqabe.
35 Et le prophète descendit; il marcha çà et là dans la maison; puis, il remonta et se courba sur l'enfant, jusqu'à sept fois; et l'enfant ouvrit les yeux.
Elsaaʼi achi garagalee mana keessa asii fi achi nanaannaʼee amma illee siree yaabbatee mucaa irratti diriire. Mucaan sunis yeroo torba haxxifatee ija banate.
36 Alors, Elisée appelant à grands cris son serviteur, lui dit: Fais venir cette Sunamite. Il la fit venir; elle entra auprès du prophète, et il lui dit: Prends ton fils.
Elsaaʼis Gehaazin waamee, “Dubartii Suunam sana as waami” jedhe. Innis ishee waame. Elsaaʼi yommuu isheen gara isaa dhuftetti, “Kunoo mucaa kee fudhadhu” jedheen.
37 La femme s'avança, se jeta aux pieds du prophète, et l'adora la face contre terre; puis, elle prit son enfant et sortit.
Isheen ol seentee, miilla isaa irratti kuftee addaan lafatti gombifamte. Ergasiis mucaa ishee fudhattee gad baate.
38 Elisée retourna à Galgala; il y avait là grande famine, et les fils des prophètes étaient assis devant lui. Elisée dit à son serviteur: Prends une grande chaudière et fais cuire à manger pour les fils des prophètes.
Elsaaʼis kaʼee Gilgaalitti deebiʼe; yeroo sanatti biyya sana keessa beelatu ture. Innis utuu waldaan raajotaa fuula isaa dura taaʼaa jiranii tajaajilaa isaatiin, “Okkotee guddicha ibiddaa irra kaaʼiitii namoota kanaaf ittoo bilcheessi” jedhe.
39 Lui-même alla aux champs recueillir des légumes sauvages; il trouva une vigne, il y prit des courges sauvages plein son manteau, et il les jeta dans la chaudière, sans qu'on le vit.
Isaan keessaa namni tokko raafuu funaannachuuf gad baʼee wayinii bosonaa tokko arge. Wayinii bosonaa sana irraa wiillee ciree dachaa uffata isaa guuttate. Yeroo deebiʼettis buqqee sana murmuree okkotee ittoo sanatti naqe. Namni tokko iyyuu waan sana hin beeku tureetii.
40 Cela fait, il porta aux hommes à manger, et tandis qu'ils mangeaient de cette bouillie, ils jetèrent un cri, et dirent: La mort est dans la chaudière, ô homme de Dieu. Et ils ne purent manger davantage.
Ittoon sunis jaraaf dhiʼeeffame; isaan garuu akkuma nyaachuu jalqabaniin, “Yaa nama Waaqaa, okkotee kana keessa duʼatu jira!” jedhanii iyyan. Isaanis ittoo sana nyaachuu hin dandeenye.
41 Alors, il dit: Prenez de la farine et jetez-la dans la chaudière; et s'adressant à Giézi, son serviteur, il ajouta: Donne de cette bouillie au peuple et qu'ils mangent. Et il n'y eut plus rien de mauvais dans la chaudière.
Elsaaʼi, “Daakuu wayii naa fidaa” jedhe. Daakuu sanas okkoteetti naqee, “Akka nyaataniif namootaaf dhiʼeessaa” jedhe. Ergasii wanni nama miidhu tokko iyyuu okkotee sana keessatti hin argamne.
42 Et un homme vint de Bétharisa, et il présenta à l'homme de Dieu de ses prémices: vingt pains d'orge avec des cabas de figues; et l'homme de Dieu dit: Donnez cela au peuple, et qu'ils mangent.
Namichi tokko buddeena garbuu kan mataa midhaan bilchaatee irraa tolfame digdamaa fi asheetii midhaanii nama Waaqaa sanaaf fidee Baʼaal Shaaliishaadhaa dhufe. Elsaaʼis, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni” jedhe.
43 A quoi son serviteur répondit: Pourquoi donner cela à cent hommes! Mais Elisée reprit: Donne-le au peuple, qu'il mange; car le Seigneur a dit: Ils mangeront et ils en laisseront.
Tajaajilaan isaa immoo, “Ani akkamiinan waan kana nama dhibba tokko duratti dhiʼeessuu dandaʼa?” jedhee gaafate. Elsaaʼi garuu, “Akka isaan nyaataniif namootaaf kenni. Waaqayyo akkana jedhaatii; ‘Isaan nyaatanii hambaa illee ni qabaatu’” jedhee deebise.
44 Et ils mangèrent et ils en laissèrent, selon la parole du Seigneur.
Innis fuudhee isaan duratti dhiʼeesse; isaanis akkuma dubbii Waaqayyoo sanaatti nyaatanii hambaa hambisan.

< 2 Rois 4 >