< यशायाह 32 >

1 देखो, राजा धर्म से शासन करेंगे और अधिकारी न्याय से शासन करेंगे.
Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa; bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu.
2 सब मानो आंधी से छिपने का स्थान और बौछार के लिये आड़ के समान होगा, मरुभूमि में झरने एक विशाल चट्टान की छाया के समान होंगे.
Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii, akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti, akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa.
3 तब जो देखते हैं, उनकी आंख कमजोर न होगी, और जो सुनते हैं वे सुनेंगे.
Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu; gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata.
4 उतावले लोगों के मन ज्ञान की बातें समझेंगे, और जो हकलाते हैं वे साफ़ बोलेंगे.
Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata; arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata.
5 मूर्ख फिर उदार न कहलायेगा न कंजूस दानी कहलायेगा.
Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu; addaggeenis baayʼee hin kabajamu.
6 क्योंकि एक मूर्ख मूढ़ता की बातें ही करता है, और उसका मन व्यर्थ बातों पर ही लगा रहता है: वह कपट और याहवेह के विषय में झूठ बोलता है जिससे वह भूखे को भूखा और प्यासे को प्यासा ही रख सके.
Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf qalbiin isaa hammina hojjeta; inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta; waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa; inni nama beelaʼe beela hin baasu; nama dheebote illee bishaan dhowwata.
7 दुष्ट गलत बात सोचता है, और सीधे लोगों को भी अपनी बातों में फंसा देता है.
Malli addaggee hammina; inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada.
8 किंतु सच्चा व्यक्ति तो अच्छा ही करता है, और अच्छाईयों पर स्थिर रहता है.
Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa; hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata.
9 हे आलसी स्त्रियों तुम जो निश्चिंत हो, मेरी बात को सुनो; हे निश्चिंत पुत्रियो उठो, मेरे वचन पर ध्यान दो!
Yaa dubartoota akka malee boontan kaʼaatii na dhaggeeffadhaa; yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan waan ani jedhu dhagaʼaa!
10 हे निश्चिंत पुत्रियो एक वर्ष और कुछ ही दिनों में तुम व्याकुल कर दी जाओगी; क्योंकि दाख का समय खत्म हो गया है, और फल एकत्र नहीं किए जाएंगे.
Isin warri waan nagaa qabdan of seetan erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu; wayiniin ija hin kennu; yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu.
11 हे निश्चिंत स्त्रियो, कांपो; कांपो, हे निश्चिंत पुत्रियो! अपने वस्त्र उतारकर अपनी कमर पर टाट बांध लो.
Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa; intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa! Uffata keessan of irraa baasaatii wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa.
12 अच्छे खेतों के लिए और फलदार अंगूर के लिये रोओ,
Lafa qotiisaa gaariif, muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa;
13 क्योंकि मेरी प्रजा, जो बहुत खुश और आनंदित है, उनके खेत में झाड़ और कांटे उग रहे हैं.
lafa uummata koo kan qoraattii fi sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa; dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa.
14 क्योंकि राजमहल छोड़ दिया जायेगा, और नगर सुनसान हो जायेगा; पर्वत और उनके पहरेदारों के घर जहां है, वहां जंगली गधे मौज करेंगे, पालतू पशुओं की चराई बन जाएंगे.
Daʼannoon ni ona; magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti; magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu; iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu;
15 जब तक हम पर ऊपर से आत्मा न उंडेला जाए, और मरुभूमि फलदायक खेत न बन जाए, और फलदायक खेत वन न बन जाए.
kunis hamma Hafuurri Qulqulluun gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa.
16 तब तक उस बंजर भूमि में याहवेह का न्याय रहेगा, और फलदायक खेत में धर्म रहेगा.
Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata; qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata.
17 धार्मिकता का फल है शांति, उसका परिणाम चैन; और हमेशा के लिए साहस!
Buʼaan qajeelummaa nagaa dha; faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha.
18 तब मेरे लोग शांति से, और सुरक्षित एवं स्थिर रहेंगे.
Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu, manneen bultii sodaa hin qabne iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata.
19 और वन विनाश होगा और उस नगर का घमंड चूर-चूर किया जाएगा,
Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu, magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti;
20 क्या ही धन्य हो तुम, जो जल के स्रोतों के पास बीज बोते हो, और गधे और बैल को आज़ादी से चराते हो.
isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii loon keessanii fi harroota keessan nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.

< यशायाह 32 >