< 이사야 55 >

1 너희 목마른 자들아 물로 나아오라 돈 없는 자도 오라 너희는 와서 사 먹되 돈 없이 값 없이 와서 포도주와 젖을 사라
“Isin warri dheebottan hundinuu kottaa; gara bishaanii kottaa; isin warri maallaqa hin qabne, kottaatii bitadhaa; nyaadhaas! Kottaatii maallaqaa fi gatii malee daadhii wayiniitii fi aannan bitadhaa.
2 너희가 어찌하여 양식아닌 것을 위하여 은을 달아 주며 배부르게 못할 것을 위하여 수고하느냐 나를 청종하라 그리하면 너희가 좋은 것을 먹을 것이며 너희 마음이 기름진 것으로 즐거움을 얻으리라
Isin maaliif waan buddeena hin taʼinitti maallaqa baaftu? Waan nama hin quubsine irrattis maaliif humna keessan fixxu? Dhagaʼaa; na dhagaʼaa; waan gaarii nyaadhaa; lubbuun keessanis coomaan haa gammaddu.
3 너희는 귀를 기울이고 내게 나아와 들으라 그리하면 너희 영혼이 살리라 내가 너희에게 영원한 언약을 세우리니 곧 다윗에게 허락한 확실한 은혜니라
Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa; akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa. Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala; innis jaalala amanamaa isa Daawit abdachiifame sanaa dha;
4 내가 그를 만민에게 증거로 세웠고 만민의 인도자와 명령자를 삼았었나니
kunoo ani sabootaaf dhuga baatuu isa godheera; hoogganaa fi ajajaa sabootaas isa taasiseera.
5 네가 알지 못하는 나라를 부를 것이며 너를 알지 못하는 나라가 네게 달려올 것은 나 여호와 네 하나님 곧 이스라엘의 거룩한 자를 인함이니라 내가 너를 영화롭게 하였느니라
Sababii Waaqayyo Waaqni kee, Qulqullichi Israaʼel sun, ulfina siif kenneef, ati dhugumaan saboota hin beekne ni waamta; saboonni si hin beeknes ariitiidhaan gara kee dhufu.”
6 너희는 여호와를 만날만한 때에 찾으라 가까이 계실 때에 그를 부르라
Yeroo inni argamutti Waaqayyoon barbaaddadhaa; yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.
7 악인은 그 길을, 불의한 자는 그 생각을 버리고 여호와께로 돌아오라 그리하면 그가 긍휼히 여기시리라 우리 하나님께로 나아오라 그가 널리 용서하시리라
Namni hamaan karaa isaa, namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu. Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf; gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.
8 여호와의 말씀에 내 생각은 너희 생각과 다르며 내 길은 너희 길과 달라서
“Yaadni koo yaada keessan, karaan keessanis karaa koo miti” jedha Waaqayyo.
9 하늘이 땅보다 높음 같이 내 길은 너희 길보다 높으며 내 생각은 너희 생각보다 높으니라
“Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana, karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
10 비와 눈이 하늘에서 내려서는 다시 그리로 가지 않고 토지를 적시어서 싹이 나게 하며 열매가 맺게 하여 파종하는 자에게 종자를 주며 먹는 자에게 양식을 줌과 같이
Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana, akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii, isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,
11 내 입에서 나가는 말도 헛되이 내게로 돌아오지 아니하고 나의 뜻을 이루며 나의 명하여 보낸 일에 형통하리라
dubbiin koo kan afaan kootii baʼus fedhii koo raawwata; kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.
12 너희는 기쁨으로 나아가며 평안히 인도함을 받을 것이요 산들과 작은 산들이 너희 앞에서 노래를 발하고 들의 모든 나무가 손바닥을 칠 것이며
Isin gammachuudhaan baatu; nagaadhaan geggeeffamtu; tulluuwwanii fi gaarran, fuula keessan duratti ililchanii faarfatu; mukkeen dirree hundinuus harka walitti rukutu.
13 잣나무는 가시나무를 대신하여 나며 화석류는 질려를 대신하여 날 것이라 이것이 여호와의 명예가 되며 영영한 표징이 되어 끊어지지 아니하리라 하시니라
Qooda qoraattii birbirsi, qooda sokorruus kusaayeen ni biqila. Kunis Waaqayyoof yaadannoo, mallattoo bara baraa kan hin badne taʼa.”

< 이사야 55 >