< Petri Ii 3 >

1 Hanc ecce vobis, charissimi, secundam scribo epistolam, in quibus vestram excito in commonitione sinceram mentem:
Yaa michoota jaallatamoo, ani amma xalayaa lammaffaa isiniif barreessuu koo ti. Lamaan isaanii iyyuu keessatti isin yaadachiisuudhaan qalbii keessan qulqulluu sana nan kakaasa.
2 ut memores sitis eorum, quæ prædixi verborum a sanctis Prophetis, et Apostolorum vestrorum præceptorum Domini et Salvatoris.
Isin dubbii dur raajota qulqulluudhaan dubbatamee fi ajaja Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenyaa kan karaa ergamoota keessaniitiin dubbatame sana akka yaadattan nan barbaada.
3 Hoc primum scientes, quod venient in novissimis diebus in deceptione illusores, iuxta proprias concupiscentias ambulantes,
Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa.
4 dicentes: Ubi est promissio, aut adventus eius? ex quo enim patres dormierunt, omnia sic perseverant ab initio creaturæ.
Isaanis, “‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii” jedhu.
5 Latet enim eos hoc volentes, quod cæli erant prius, et terra, de aqua, et per aquam consistens Dei Verbo:
Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan.
6 per quæ, ille tunc mundus aqua inundatus periit.
Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade.
7 Cæli autem, qui nunc sunt, et terra eodem Verbo repositi sunt, igni reservati in diem iudicii, et perditionis impiorum hominum.
Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.
8 Unum vero hoc non lateat vos, charissimi, quia unus dies apud Dominum sicut mille anni, et mille anni sicut dies unus.
Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti.
9 Non tardat Dominus promissionem suam, sicut quidam existimant: sed patienter agit propter vos, nolens aliquos perire, sed omnes ad pœnitentiam reverti.
Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
10 Adveniet autem dies Domini ut fur: in quo cæli magno impetu transient, elementa vero calore solventur, terra autem et quæ in ipsa sunt opera, exurentur.
Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Samiiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni samiiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
11 Cum igitur hæc omnia dissolvenda sunt, quales oportet vos esse in sanctis conversationibus, et pietatibus,
Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Waaqaaf bulu jiraachuu qabdu;
12 expectantes, et properantes in adventum diei Domini, per quem cæli ardentes solventur, et elementa ignis ardore tabescent?
kanas guyyaa Waaqaa eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana samiiwwan ibiddaan badu; wanni samiiwwan keessa jirus hoʼaan baqa.
13 Novos vero cælos, et novam terram secundum promissa ipsius expectamus, in quibus iustitia habitat.
Nu garuu akkuma waadaa isaatti samiiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.
14 Propter quod charissimi hæc expectantes, satagite immaculati, et inviolati ei inveniri in pace.
Kanaafuu yaa michoota jaallatamoo, isinis sababii waanuma kana eeggataniif akka warra xurii fi hirʼina hin qabne, warra nagaan isa wajjin jiraatan taataniif yaalii isinii dandaʼame hunda godhaa.
15 Et Domini nostri longanimitatem, salutem arbitremini: sicut et charissimus frater noster Paulus secundum datam sibi sapientiam scripsit vobis,
Akkuma Phaawulos obboleessi keenya jaallatamaan sun ogummaa Waaqni kenneefiin isinii barreesse sana akka obsi Gooftaa keenyaa fayyina taʼe yaadatti qabadhaa.
16 sicut et omnibus epistolis, loquens in eis de his, in quibus sunt quædam difficilia intellectu, quæ indocti, et instabiles depravant, sicut et ceteras Scripturas, ad suam ipsorum perditionem.
Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.
17 Vos igitur fratres præscientes custodite, ne insipientium errore traducti excidatis a propria firmitate.
Kanaaf yaa michoota jaallatamoo, isin sababii duraan dursitanii waan kana beektaniif akka dogoggora finciltootaatiin fudhatamnii hundee jabaattanii irra dhaabattan irraa hin kufneef of eeggadhaa.
18 Crescite vero in gratia, et in cognitione Domini nostri, et Salvatoris Iesu Christi. Ipsi gloria et nunc, et in diem æternitatis. Amen. (aiōn g165)
Garuu ayyaanaa fi beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddadhaa. Ammas, bara baraanis ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)

< Petri Ii 3 >

The World is Destroyed by Water
The World is Destroyed by Water