< 1 Seenaa 11 >

1 Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
And all Israel came to David in Chebron, saying, Behold, we [are] thy bones and thy flesh.
2 Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyoo Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
And heretofore when Saul was king, thou wast he that led Israel in and out, and the Lord of Israel said to thee, Thou shalt feed my people Israel, and thou shalt be for a ruler over Israel.
3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma Waaqayyo karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
And all the elders of Israel came to the king to Chebron; and king David made a covenant with them in Chebron before the Lord: and they anointed David to be king over Israel, according to the word of the Lord by Samuel.
4 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu gara Yerusaalemitti jechuunis Yebuusiitti ni qajeelan. Yebuusonni achi jiraatan garuu
And the king and his men went to Jerusalem, this [is] Jebus; and there the Jebusites the inhabitants of the land said to David,
5 Daawitiin, “Ati as hin seentu” jedhan. Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon jechuunis Magaalaa Daawit ni qabate.
Thou shalt not enter in hither. But he took the strong hold of Sion: this [is] the city of David.
6 Daawitis, “Namni duraan dursee dhaqee Yebuusota lolu ajajaa loltootaa taʼa” jedhee ture. Yooʼaab ilmi Zeruuyaa jalqabatti baʼe; kanaafuu inni ajajaa waraanaa taʼe.
And David said, Whoever first smites the Jebusite, even he shall be chief and captain. And Joab the son of Saruia went up first, and became chief.
7 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana keessa godhate; kanaafuu daʼannoon sun Magaalaa Daawit jedhamee waamame.
And David dwelt in the strong hold; therefore he called it the city of David.
8 Innis Miiloodhaa jalqabee naannoo isheetti dallaa dhagaa ni ijaare; Yooʼaab immoo kutaa Magaalaa sanaa kan hafe deebisee ijaare.
And he fortified the city round about.
9 Daawitis sababii Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
And David continued to increase, and the Lord Almighty [was] with him.
10 Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif.
And these [are] the chiefs of the mighty men, whom David had, who strengthened [themselves] with him in his kingdom, with all Israel, to make him king, according to the word of the Lord concerning Israel.
11 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yaashobiʼaam namichi gosa Hakmooni hangafa ajajjoota sanaa ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba sadii fixe.
And this [is] the list of the mighty [men] of David; Jesebada, son of Achaman, first of the thirty: he drew his sword once against three hundred whom he slew at one time.
12 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture.
And after him Eleazar son of Dodai, the Achochite: he was among the three mighty men.
13 Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan.
He was with David in Phasodamin, and the Philistines were gathered there to battle, and [there was] a portion of the field full of barley; and the people fled before the Philistines.
14 Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne.
And he stood in the midst of the portion, and rescued it, and smote the Philistines; and the Lord wrought a great deliverance.
15 Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
And three of the thirty chiefs went down to the rock to David, to the cave of Odollam, and the camp of the Philistines [was] in the giants' valley.
16 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
And David [was] then in the hold, and the garrison of the Philistines [was] then in Bethleem.
17 Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
And David longed, and said, Who will give me water to drink of the well of Bethleem, that is in the gate?
18 Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
And the three broke through the camp of the Philistines, and they drew water out of the well that was in Bethleem, which was in the gate, and they took it, and came to David: but David would not drink it, and poured it out to the Lord, and said,
19 Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
God forbid that I should do this thing: shall I drink the blood of these men with their lives? for with [the peril of] their lives they brought it. So he would not drink it. These things did the three mighty [men].
20 Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe.
And Abisa the brother of Joab, he was chief of three: he drew his sword against three hundred slain at one time, and he had a name among the [second] three.
21 Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe.
He was more famous than the two [others] of the three, and he was chief [over] them; yet he reached not to the [first] three.
22 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
And Banaia the son of Jodae was the son of a mighty man: many [were] his acts for Cabasael: he smote two lion-like men of Moab, and he went down and smote a lion in a pit on a snowy day.
23 Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
And he smote an Egyptian, a wonderful man five cubits [high]; and in the hand of the Egyptian [there was] a spear like a weavers' beam; and Banaia went down to him with a staff, and took the spear out of the Egyptian's hand, and slew him with his own spear.
24 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
These things did Banaia son of Jodae, and his name [was] among the three mighties.
25 Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
He was distinguished beyond the thirty, yet he reached not to the [first] three: and David set him over his family.
26 Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan namicha Beetlihem ilma Doodoo,
And the mighty [men] of the forces [were], Asael the brother of Joab, Eleanan the son of Dodoe of Bethleem,
27 Shamoot namicha gosa Haroor, Heleez namicha gosa Pheloonaa,
Samaoth the Arorite, Chelles the Phelonite,
28 Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa, Abiiʼezer nama Anaatoot,
Ora the son of Ekkis the Thecoite, Abiezer the Anathothite,
29 Siibekaay nama biyya Hushaa, Iilaayi nama Ahooʼaa,
Sobochai the Usathite, Eli the Achonite,
30 Maharaayi nama Netoofaa, Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa,
Marai the Netophathite, Chthaod the son of Nooza the Netophathite,
31 gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay, namicha Gibeʼaa, Benaayaa nama Phiraatoon,
Airi the son of Rebie of the hill of Benjamin, Banaias the Pharathonite,
32 Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash, Abiiʼeel namicha biyya Arbaa,
Uri of Nachali Gaas, Abiel the Garabaethite,
33 Azmaawet namicha Baharuum, Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon,
Azbon the Baromite, Eliaba the Salabonite,
34 ilmaan Haasheem namicha Gizoon, Yoonaataan ilma Shaagee namicha Haraaraa,
the son of Asam the Gizonite, Jonathan the son of Sola the Ararite,
35 Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa, Eliifaal ilma Uuri,
Achim the son of Achar the Ararite, Elphat the son of Thyrophar
36 Heefer namicha Mekeeraataa, Ahiiyaa namicha Pheloonaa,
the Mechorathrite, Achia the Phellonite,
37 Hezroo nama Qarmeloos, Naʼaraayi ilma Ezbayi,
Esere the Charmadaite, Naarai the son of Azobai,
38 Yooʼeel obboleessa Naataanii, Mibehaar ilma Hagrii,
Joel the son of Nathan, Mebaal son of Agari,
39 Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana,
Sele the son of Ammoni, Nachor the Berothite, armour-bearer to the son of Saruia,
40 Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
Ira the Jethrite, Gaber the Jethrite,
41 Uuriyaa namicha Heet, Zaabaad ilma Ahilayi,
Uria the Chettite, Zabet son of Achaia,
42 Aadiinaa ilma Shiizaa namicha gosa Ruubeen, inni hoogganaa Ruubeenotaatii fi kan namoota Soddomman isa wajjin turanii ti;
Adina son of Saeza, a chief of Ruben, and thirty with him,
43 Haanaan ilma Maʼakaa, Yooshaafaaxi namicha Miitinaa,
Anan the son of Moocha, and Josaphat the Matthanite,
44 Uziyaa namicha Ashteraati, Shaamaaʼii fi Yeʼiiʼeel ilmaan Hootaam namicha Aroʼeer,
Ozia the Astarothite, Samatha and Jeiel sons of Chotham the Ararite,
45 Yediʼyaaʼeel ilma Shimrii, obboleessa isaa Yoohaa namicha Tiizii,
Jediel the son of Sameri, and Jozae his brother the Thosaite,
46 Eliiʼeel namicha Mahawaa, Yeriibaayii fi Yooshabiyaa ilmaan Elnaʼam, Yitmaa namicha Moʼaab,
Eliel the Maoite, and Jaribi, and Josia his son, Ellaam, and Jethama the Moabite,
47 Eliiʼeel, Oobeedii fi Yaʼisiiʼel namicha Mezoobaa.
Daliel, and Obeth, and Jessiel of Mesobia.

< 1 Seenaa 11 >