< 1 Mootota 11 >

1 Solomoon Mootichi garuu intala Faraʼoon irratti dubartoota biyya ormaa hedduu jaallate; isaanis Moʼaabota, Amoonota, Edoomota, Siidoonotaa fi Heetota turan.
Now a number of strange women were loved by Solomon, women of the Moabites, Ammonites, Edomites, Zidonians, and Hittites:
2 Jarri kunneen saboota Waaqayyo, “Sababii isaan dhugumaan garaa keessan gara waaqota ofii isaaniitti garagalchaniif isin fuudhaa fi heerumaan jaratti hin makaminaa” jedhee waaʼee isaanii Israaʼelootatti dubbatee turee dha. Taʼus Solomoon jaalalaan isaanitti hidhame.
The nations of which the Lord had said to the children of Israel, You are not to take wives from them and they are not to take wives from you; or they will certainly make you go after their gods: to these Solomon was united in love.
3 Innis niitota maatii moototaa keessaa dhalatan dhibba torbaa fi saajjatoowwan dhibba sadii qaba ture; niitonni isaa kunneenis karaa irraa isa balleessan.
He had seven hundred wives, daughters of kings, and three hundred other wives; and through his wives his heart was turned away.
4 Akkuma Solomoon umuriidhaan dulloomaa deemeen niitonni garaa isaa gara waaqota biraatti garagalchan; garaan isaas akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
For it came about that when Solomon was old, his heart was turned away to other gods by his wives; and his heart was no longer true to the Lord his God as the heart of his father David had been.
5 Innis Ashtooreti waaqittii Siidoonotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa jibbisiisaa sana duukaa buʼe.
For Solomon went after Ashtoreth, the goddess of the Zidonians, and Milcom, the disgusting god of the Ammonites.
6 Solomoonis akkasiin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; inni akka Daawit abbaan isaa hojjete sana guutumaan guutuutti Waaqayyo duukaa hin buune.
And Solomon did evil in the eyes of the Lord, not walking in the Lord's ways with all his heart as David his father did.
7 Solomoonis gaara Yerusaalemiin gara baʼa biiftuu jirtu tokko irratti Kemoosh Waaqa Moʼaab jibbisiisaa fi Moolek Waaqa Amoon jibbisiisaa sanaaf iddoo sagadaa ijaare.
Then Solomon put up a high place for Chemosh, the disgusting god of Moab, in the mountain before Jerusalem, and for Molech, the disgusting god worshipped by the children of Ammon.
8 Inni akka isaan ixaana aarsanii waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessaniifis niitota isaa kanneen biyya ormaatii fuudhe hundumaaf iyyuu akkasuma godhe.
And so he did for all his strange wives, who made offerings with burning of perfumes to their gods.
9 Waaqayyos sababii garaan Solomoon Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan yeroo lama isatti mulʼate sana irraa goreef isatti aare.
And the Lord was angry with Solomon, because his heart was turned away from the Lord, the God of Israel, who had twice come to him in a vision;
10 Waaqni akka Solomoon waaqota biraa duukaa hin buune isa dhowwu iyyuu, Solomoon ajaja Waaqayyoo hin eegne.
And had given him orders about this very thing, that he was not to go after other gods; but he did not keep the orders of the Lord.
11 Kanaafuu Waaqayyo Solomooniin akkana jedhe; “Sababii yaadni kee akkana taʼee, atis kakuu fi seera ani siif kenne sana hin eeginiif, ani dhugumaan mootummaa sirraa baqaqsee tajaajilaa keetiif nan kenna.
So the Lord said to Solomon, Because you have done this, and have not kept my agreement and my laws, which I gave you, I will take the kingdom away from you by force and will give it to your servant.
12 Taʼus ani sababii abbaa kee Daawitiif jedhee waan kana bara jireenya keetii keessa hin godhu. Harka ilma keetii keessaa mootummaa kana nan baqaqsa.
I will not do it in your life-time, because of your father David, but I will take it from your son.
13 Taʼus ani mootummaa sana guutumaan guutuutti isa irraa hin baqaqsu; garuu ani sababii garbicha koo Daawitii fi sababii Yerusaalem ishee ani filadhe sanaatiif jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”
Still I will not take all the kingdom from him; but I will give one tribe to your son, because of my servant David, and because of Jerusalem, the town of my selection.
14 Waaqayyo diina tokko namicha Hadaad jedhamu kan gosa Edoom namicha sanyii moototaa tokko Solomoonitti kaase.
So the Lord sent Hadad the Edomite to make trouble for Solomon: he was of the king's seed in Edom.
15 Duraan yeroo Daawit Edoomiin wal lolaa turetti, Yooʼaab ajajaan loltootaa kan warra duʼe awwaaluu dhaqe sun namoota Edoom hunda barbadeesse.
And when David had sent destruction on Edom, and Joab, the captain of the army, had gone to put the dead into the earth, and had put to death every male in Edom;
16 Yooʼaabii fi Israaʼeloonni hundinuu hamma namoota Edoom keessa jiraatan hunda fixanitti jiʼa jaʼa achi turan.
(For Joab and all Israel were there six months till every male in Edom had been cut off; )
17 Hadaad garuu yeroo sana mucaa xinnaa ture; innis qondaaltota Edoom kanneen abbaa isaa tajaajilaa turan wajjin Gibxitti baqate.
Hadad, being still a young boy, went in flight to Egypt, with certain Edomites, servants of his father;
18 Isaanis Midiyaanii kaʼanii Phaaraan dhaqan. Phaaraan keessaas namoota fudhatanii gara mooticha Gibxi, gara Faraʼoon dhaqan; Faraʼoonis mana, lafa inni qubatuu fi nyaata Hadaadiif kenne.
And they went on from Midian and came to Paran; and, taking men from Paran with them, they came to Egypt, to Pharaoh, king of Egypt, who gave him a house and gave orders for his food and gave him land.
19 Faraʼoon akka malee Hadaaditti gammadee obboleettii niitii isaa, obboleettii Tahifenees Mootittii isatti heerumsiise.
Now Hadad was very pleasing to Pharaoh, so that he gave him the sister of his wife, Tahpenes the queen, for his wife.
20 Obboleettiin Tahifenees sunis ilma Geenbaat jedhamu tokko deesseef; Taahefenee mucaa sana fuutee masaraa mootummaa keessatti guddifte. Genubatis ijoollee Faraʼoon wajjin achi jiraate.
And the sister of Tahpenes had a son by him, Genubath, whom Tahpenes took care of in Pharaoh's house; and Genubath was living in Pharaoh's house among Pharaoh's sons.
21 Hadaad utuu biyya Gibxi keessa jiruu akka Daawit abbootii ofii isaa wajjin boqotee fi akka Yooʼaab ajajaan loltootaa sunis duʼe ni dhagaʼe. Hadaadis Faraʼooniin, “Akka ani biyya kootti deebiʼuuf naa eeyyami” jedhe.
Now when Hadad had news in Egypt that David had been put to rest with his fathers, and that Joab, the captain of the army, was dead, he said to Pharaoh, Send me back to my country.
22 Faraʼoon immoo, “Ati maal asii dhabdee biyya keetti deebiʼuu feeta?” jedhee isa gaafate. Hadaadis deebisee, “Homaa hin dhabne; garuu akka ani dhaqu naa eeyyami!” jedheen.
But Pharaoh said to him, What have you been short of while you have been with me, that you are desiring to go back to your country? And he said, Nothing; but even so, send me back.
23 Waaqni amma illee diina biraa Rezoon ilma Eliyaadaa namicha gooftaa isaa Hadaadezer mootichaa Zoobaa jalaa baqate sana Solomoonitti kaase.
And God sent another trouble-maker, Rezon, the son of Eliada, who had gone in flight from his lord, Hadadezer, king of Zobah:
24 Innis yeroo Daawit loltoota Suubaa barbadeessetti namoota of biratti walitti qabatee hoogganaa tuuta finciltootaa taʼe; finciltoonni sunis Damaasqoo dhaqanii achi jiraatan; isas achitti mootii godhatan.
He got some men together and made himself captain of a band of outlaws; and went to Damascus and became king there.
25 Reezoon rakkina Hadaad fide sanatti dabalee bara jireenya Solomoon hunda diina Israaʼel ture. Reezoon bulchaa Sooriyaa ture; Israaʼelinis akka malee jibbaa ture.
He was a trouble to Israel all through the days of Solomon. And this is the damage Hadad did: he was cruel to Israel while he was ruler over Edom.
26 Yerobiʼaam ilmi Nebaat mootichatti fincile. Innis qondaaltota Solomoon keessaa nama tokko ture; inni nama gosa Efraataa kan Zereedaadhaa dhufe ture; haati isaa immoo niitii dhirsa hin qabne kan Zeruwaa jedhamtu turte.
And there was Jeroboam, the son of Nebat, an Ephraimite from Zeredah, a servant of Solomon, whose mother was Zeruah, a widow; and his hand was lifted up against the king.
27 Sababiin inni ittiin mootichatti kaʼes kanaa dha: Solomoonis Miiloo ijaaree dallaa magaalaa abbaa isaa Daawit deebisee haaromse.
The way in which his hand came to be lifted up against the king was this: Solomon was building the Millo and making good the damaged parts of the town of his father David;
28 Yerobiʼaam goota cimaa ture; Solomoonis akka dargaggeessi sun jabaatee hojii isaa hojjetu arginaan itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa kan mana Yoosef hundaa isa godhe.
And Jeroboam was an able and responsible man; and Solomon saw that he was a good worker and made him overseer of all the work given to the sons of Joseph.
29 Gaaf tokko utuu Yerobiʼaam Yerusaalem keessaa baʼaa jiruu Ahiiyaan raajichi Shiiloo kaabbaa haaraa uffatee isatti dhufe. Isaan lachuu kophuma isaanii ala turan;
Now at that time, when Jeroboam was going out of Jerusalem, the prophet Ahijah the Shilonite came across him on the road; now Ahijah had put on a new robe; and the two of them were by themselves in the open country.
30 Ahiiyaan kaabbaa haaraa uffate sana fuudhee iddoo kudha lamatti gargari tarsaase.
And Ahijah took his new robe in his hands, parting it violently into twelve.
31 Ergasiis Yerobiʼaamiin akkana jedhe; “Qooda kudhan ofii keetii fudhadhu; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; ‘Kunoo ani harka Solomooniitii mootummaa baqaqsee gosa kudhan siifin kenna.
And he said to Jeroboam, Take ten of the parts, for this is what the Lord has said: See, I will take the kingdom away from Solomon by force, and will give ten tribes to you;
32 Garuu sababii garbicha koo Daawitii fi sababii magaalaa Yerusaalem kan ani gosa Israaʼel hunda keessaa filadhe sanaatiif inni gosa tokko ni argata.
(But one tribe will be his, because of my servant David, and because of Jerusalem, the town which, out of all the tribes of Israel, I have made mine, )
33 Ani sababii isaan na dhiisanii Ashtooreti waaqittii Siidoonotaa, Kemoosh waaqicha Moʼaabotaatii fi Moolek waaqicha Amoonotaa waaqeffatanii fi sababii isaan karaa koo irra hin deeminiif yookaan sababii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hin hojjetiniif yookaan sababii isaan akka Daawit abbaan Solomoon hojjete sana sirnaa fi seera koo hin eeginiif waan kana hojjedhe.
Because they are turned away from me to the worship of Ashtoreth, the goddess of the Zidonians, and Chemosh, the god of Moab, and Milcom, the god of the Ammonites; they have not been walking in my ways or doing what is right in my eyes or keeping my laws and my decisions as his father David did.
34 “‘Ani garuu mootummaa sana guutumaan guutuutti harka Solomoonii hin fuudhu; ani sababii Daawit garbicha koo kan ani filadhe, kan ajaja koo fi sirna koo eege sanaatiif jedhee Solomoonin bara jireenya isaa guutuu bulchaa godheera.
But I will not take the kingdom from him; I will let him be king all the days of his life, because of David my servant, in whom I took delight because he kept my orders and my laws.
35 Ani harka ilma isaatii mootummaa sana fuudhee gosa kudhan siifin kenna.
But I will take the kingdom from his son, and give it to you.
36 Ani akka garbichi koo Daawit yeroo hunda Yerusaalem magaalaa ani Maqaa koo achi kaaʼachuuf filadhe sana keessatti fuula koo duratti ibsaa qabaatuuf jedhee gosa tokko ilma isaatiif nan kenna.
And one tribe I will give to his son, so that David my servant may have a light for ever burning before me in Jerusalem, the town which I have made mine to put my name there.
37 Siʼi garuu ani nan fudhadha; atis waan garaan kee fedhu hunda ni bulchita; Israaʼel irratti mootii ni taata.
And you I will take, and you will be king over Israel, ruling over whatever is the desire of your soul.
38 Yoo ati akkuma garbichi koo Daawit hojjete sana, waan ani si ajaju hunda hojjettee karaa koo irra deemte, yoo ati sirnaa fi ajaja koo eeguudhaan waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe hojjete, ani si wajjin nan taʼa. Anis mootummaa bulu kan akkan Daawitiif dhaabe sanaa siifis nan dhaaba; akkasumas Israaʼelin sitti nan kenna.
And if you give attention to the orders I give you, walking in my ways and doing what is right in my eyes and keeping my laws and my orders as David my servant did; then I will be with you, building up for you a safe house, as I did for David, and I will give Israel to you.
39 Ani waan kanaaf jedhee sanyii Daawit nan dhiphisa; garuu bara baraanii miti.’”
(So that I may send trouble for this on the seed of David, but not for ever.)
40 Solomoonis Yerobiʼaamin ajjeesuu yaale; Yerobiʼaam garuu gara Shiishaaq mooticha Gibxitti baqatee hamma Solomoon duʼutti achuma ture.
And Solomon was looking for a chance to put Jeroboam to death; but he went in flight to Egypt, to Shishak, king of Egypt, and was in Egypt till the death of Solomon.
41 Wanni bara mootummaa Solomoon keessa hojjetaman kan biraa, wanni inni hojjetee fi ogummaan isaa hundi kitaaba seenaa Solomoon keessatti barreeffamanii jiru mitii?
Now the rest of the acts of Solomon, and all he did, and his wisdom, are they not recorded in the book of the acts of Solomon?
42 Solomoon Yerusaalem keessatti mootii taʼee waggaa afurtama saba Israaʼel hunda ni bulche.
And the time Solomon was king in Jerusalem over all Israel was forty years.
43 Innis ergasii abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa, magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Rehooboʼaam ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii ni taʼe.
And Solomon went to rest with his fathers, and was put into the earth in the town of David his father: and Solomon went to rest with his fathers and Rehoboam his son became king in his place.

< 1 Mootota 11 >