< Keessa Deebii 31 >

1 Ergasiis Museen dhaqee dubbii kana Israaʼel hundatti dubbate:
And Moses finished speaking all these words to all Israel.
2 “Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ti; siʼachis isin hoogganuu hin dandaʼu. Waaqayyo, ‘Ati Yordaanos hin ceetu’ naan jedheera.
He said to them, "I am one hundred twenty years old this day; I can no more go out and come in: and the LORD has said to me, 'You shall not go over this Jordan.'
3 Waaqayyo Waaqni kee mataan isaa si dura ni ceʼa. Inni saboota kanneen fuula kee duraa ni barbadeessa; atis biyya isaanii ni dhaalta. Akkuma Waaqayyo jedhetti, Iyyaasuunis si dura ni ceʼa.
The LORD your God, he will go over before you; he will destroy these nations from before you, and you shall dispossess them. Joshua shall go over before you, as the LORD has spoken.
4 Waaqayyo akkuma Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa sana biyya isaanii wajjin balleesse sana isaan kanneenis ni balleessa.
The LORD will do to them as he did to Sihon and to Og, the kings of the Amorites, and to their land; whom he destroyed.
5 Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isaan kenna; isinis waan ani isin ajaje hunda isaan gochuu qabdu.
The LORD will deliver them up before you, and you shall do to them according to all the commandment which I have commanded you.
6 Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”
Be strong and courageous, do not be afraid, nor be scared of them: for the LORD your God is he who is going with you; he will not leave you nor forsake you."
7 Kana irratti Museen Iyyaasuu ofitti waamee fuula Israaʼel hundaa duratti akkana jedheen; “Ati sababii biyya Waaqayyo isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakatetti galuuf saba kana wajjin deemtuuf cimi; jabaadhus; biyyattiis akka dhaalan godhi.
Moses called to Joshua, and said to him in the sight of all Israel, "Be strong and courageous: for you shall go with this people into the land which the LORD has sworn to their fathers to give them; and you shall cause them to inherit it.
8 Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
The LORD, he it is who does go before you; he will be with you, he will not fail you, neither forsake you: do not be afraid, neither be dismayed."
9 Museenis seera kana barreessee ilmaan Lewwii kanneen luboota taʼanii taabota kakuu Waaqayyoo baatanii fi maanguddoota Israaʼel hundatti kenne.
Moses wrote this law, and delivered it to the priests the sons of Levi, who bore the ark of the covenant of the LORD, and to all the elders of Israel.
10 Ergasiis Museen akkana jedhee isaan ajaje; “Dhuma waggaa torbaffaatti, yeroo itti gatiin dhiifamutti, yeroo itti Ayyaanni Daasii ayyaaneffamutti,
Moses commanded them, saying, "At the end of every seven years, in the set time of the year of release, in the feast of tents,
11 yommuu Israaʼel hundi fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti mulʼachuuf lafa inni filatu dhufanitti akka isaan dhagaʼaniif fuula isaanii duratti seera kana isaanii dubbifta.
when all Israel has come to appear before the LORD your God in the place which he shall choose, you shall read this law before all Israel in their hearing.
12 Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi.
Assemble the people, the men and the women and the little ones, and your foreigner who is within your gates, that they may hear, and that they may learn, and fear the LORD your God, and observe to do all the words of this law;
13 Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi Waaqayyo Waaqa isaanii sodaachuu barachuu qabu.”
and that their children, who have not known, may hear, and learn to fear the LORD your God, as long as you live in the land where you go over the Jordan to possess it."
14 Waaqayyo Museedhaan, “Yeroon ati duutu dhiʼaateera. Akka ani waan inni hojjechuu malu itti himuuf Iyyaasuu waamiitii dunkaana wal gaʼii biratti dhiʼaadhaa” jedhe. Musee fi Iyyaasuunis dhufanii dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼaatan.
The LORD said to Moses, "Look, your days approach that you must die: call Joshua, and present yourselves in the Tent of Meeting, that I may commission him." Moses and Joshua went, and presented themselves in the Tent of Meeting.
15 Waaqayyo utubaa duumessaatiin dhufee dunkaanicha keessatti mulʼate; duumessi sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabate.
The LORD appeared in the Tent in a pillar of cloud: and the pillar of cloud stood over the door of the Tent.
16 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati abbootii kee wajjin ni boqotta; sabni kun immoo yommuu suma biyya dhaaluuf itti galutti waaqota Namoota Ormaa duukaa buʼee sagaagaluu jalqaba. Isaan na dhiisanii kakuu ani isaan wajjin gale ni cabsu.
The LORD said to Moses, "Look, you shall sleep with your fathers; and this people will rise up, and play the prostitute after the strange gods of the land, where they go to be among them, and will forsake me, and break my covenant which I have made with them.
17 Gaafas ani isaanitti aaree isaan nan dhiisa; fuula koos isaan duraa nan dhoksa; isaanis ni barbadeeffamu. Badiisaa fi rakkoo baayʼeetu isaanitti dhufa; isaanis gaafasi, ‘Badiisni kun waan Waaqni keenya nu wajjin hin jirreef nutti dhufe mitii?’ jedhanii gaafatu.
Then my anger shall be kindled against them in that day, and I will forsake them, and I will hide my face from them, and they shall be devoured, and many evils and troubles shall come on them; so that they will say in that day, 'Haven't these evils come on us because our God is not among us?'
18 Waan isaan gara waaqota biraatti garagalaniif ani sababii hammina isaanii hundaatiif guutumaan guutuutti fuula koo isaan duraa nan dhokfadha.
I will surely hide my face in that day for all the evil which they shall have worked, in that they are turned to other gods.
19 “Akka isaanitti ragaa naa taʼuuf, faarfannaa kana barreeffadhuutii akka isaan faarfataniif Israaʼeloota barsiisi.
"Now therefore write the words of this song for yourselves, and teach it to the children of Israel: put it in their mouths, that this song may be a witness for me against the children of Israel.
20 Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu.
For when I shall have brought them into the land which I swore to their fathers, flowing with milk and honey, and they shall have eaten and filled themselves, and grown fat; then will they turn to other gods, and serve them, and despise me, and break my covenant.
21 Faarfannaan kunis yommuu badiisnii fi rakkinni isaanitti dhufuti ragaa isaanitti taʼa; kun sanyii isaanii keessatti hin irraanfatamuutii. Ani utuu biyya kakuudhaan waadaa isaanii galetti isaan hin fidin iyyuu waan isaan gochuuf yaadan nan beekaatii.”
It shall happen, when many evils and troubles have come on them, that this song shall testify before them as a witness; for it shall not be forgotten out of the mouths of their descendants: for I know their imagination which they frame this day, before I have brought them into the land which I swore."
22 Kanaafuu Museen gaafas faarfannaa kana barreessee Israaʼeloota barsiise.
So Moses wrote this song the same day, and taught it the children of Israel.
23 Waaqayyos Iyyaasuu ilma Nuunitiif ajaja, “Ati sababii biyya ani kakuudhaan waadaa isaanii galetti Israaʼeloota galchituuf cimi, jabaadhu; ani mataan koo si wajjin jiraa” jedhu kenne.
He commissioned Joshua the son of Nun, and said, "Be strong and courageous; for you shall bring the children of Israel into the land which I swore to them: and I will be with you."
24 Museen erga dubbii seera kanaa jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba irratti barreessee fixee booddee,
It happened, when Moses had made an end of writing the words of this law on a scroll, until they were finished,
25 Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baataniif ajaja kana kenne:
that Moses commanded the Levites, who bore the ark of the covenant of the LORD, saying,
26 “Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf.
"Take this book of the law, and put it by the side of the ark of the covenant of the LORD your God, that it may be there for a witness against you.
27 Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu Waaqayyotti finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree!
For I know your rebellion, and your stiff neck: look, while I am yet alive with you this day, you have been rebellious against God; and how much more after my death?
28 Akka ani akka isaan dhagaʼaniif dubbii kana isaanitti hime akka isaanitti ragaa taʼuuf samii fi lafa waammachuu dandaʼuuf maanguddoota gosoota keessanii hundaa fi qondaaltota keessan hunda fuula koo duratti walitti qabaa.
Assemble to me all the elders of your tribes, and your elders and your judges and your officers, that I may speak these words in their ears, and call heaven and earth to witness against them.
29 Ani akka isin erga ani duʼee booddee guutumaan guutuutti xurooftanii ajaja ani isinii kenne irraa garagaltan nan beekaatii. Baroota dhufuuf jiran keessa rakkinni isinitti dhufa; isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjettanii hojiidhuma harka keessaniitiin dheekkamsaaf isa kakaaftuutii.”
For I know that after my death you will utterly corrupt yourselves, and turn aside from the way which I have commanded you; and evil will happen to you in the latter days; because you will do that which is evil in the sight of the LORD, to provoke him to anger through the work of your hands."
30 Museenis jalqabaa hamma dhumaatti dubbii faarfannaa kanaa guutummaa waldaa Israaʼelitti akkana jedhee dhageessise:
Moses spoke in the ears of all the assembly of Israel the words of this song, until they were finished.

< Keessa Deebii 31 >