< Lakkoobsa 20 >

1 Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee awwaalamte.
The children of Israel, even the whole congregation, came into the wilderness of Zin in the first month. The people stayed in Kadesh. Miriam died there, and was buried there.
2 Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Musee fi Arooniin mormuuf walitti qabame.
There was no water for the congregation; and they assembled themselves together against Moses and against Aaron.
3 Isaanis akkana jedhanii Musee fi Arooniin lolan; “Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula Waaqayyoo duratti duʼan sana duunee jiraannee!
The people quarreled with Moses, and spoke, saying, “We wish that we had died when our brothers died before the LORD!
4 Isin maaliif waldaa Waaqayyoo gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii?
Why have you brought the LORD’s assembly into this wilderness, that we should die there, we and our animals?
5 Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!”
Why have you made us to come up out of Egypt, to bring us in to this evil place? It is no place of seed, or of figs, or of vines, or of pomegranates; neither is there any water to drink.”
6 Musee fi Aroon waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni Waaqayyoos isaanitti mulʼate.
Moses and Aaron went from the presence of the assembly to the door of the Tent of Meeting, and fell on their faces. The LORD’s glory appeared to them.
7 Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe;
The LORD spoke to Moses, saying,
8 “Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Aroonis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu.”
“Take the rod, and assemble the congregation, you, and Aaron your brother, and speak to the rock before their eyes, that it pour out its water. You shall bring water to them out of the rock; so you shall give the congregation and their livestock drink.”
9 Kanaafuu Museen akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula Waaqayyoo dura jiru sana fuudhe.
Moses took the rod from before the LORD, as he commanded him.
10 Musee fi Aroon kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Museenis waldaa sanaan, “Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?” jedhe.
Moses and Aaron gathered the assembly together before the rock, and he said to them, “Hear now, you rebels! Shall we bring water out of this rock for you?”
11 Museen harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan.
Moses lifted up his hand, and struck the rock with his rod twice, and water came out abundantly. The congregation and their livestock drank.
12 Waaqayyo garuu Musee fi Arooniin akkana jedhe; “Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan.”
The LORD said to Moses and Aaron, “Because you didn’t believe in me, to sanctify me in the eyes of the children of Israel, therefore you shall not bring this assembly into the land which I have given them.”
13 Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti Waaqayyoon wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti.
These are the waters of Meribah; because the children of Israel strove with the LORD, and he was sanctified in them.
14 Museen akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge: “Obboleessi kee Israaʼel akkana jedha: Ati waaʼee rakkina nutti dhufe hundaa ni beekta.
Moses sent messengers from Kadesh to the king of Edom, saying: “Your brother Israel says: You know all the travail that has happened to us;
15 Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan;
how our fathers went down into Egypt, and we lived in Egypt a long time. The Egyptians mistreated us and our fathers.
16 garuu nu Waaqayyotti iyyaannaan, inni nu dhagaʼee ergamaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase. “Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra.
When we cried to the LORD, he heard our voice, sent an angel, and brought us out of Egypt. Behold, we are in Kadesh, a city in the edge of your border.
17 Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru.”
“Please let us pass through your land. We will not pass through field or through vineyard, neither will we drink from the water of the wells. We will go along the king’s highway. We will not turn away to the right hand nor to the left, until we have passed your border.”
18 Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne: “Isin asiin darbuu hin dandeessan; yoo darbuu yaaltan immoo nu isinitti kaanee goraadeedhaan isin dhoofna.”
Edom said to him, “You shall not pass through me, lest I come out with the sword against you.”
19 Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan: “Nu karuma guddicha irra yaana; yoo nu yookaan horiin keenya bishaan keessan kam iyyuu dhuge, nu gatii isiniif kaffalla. Nu miilla qofaan yaanee darbuu feena; kana malee waan biraa hin feenu.”
The children of Israel said to him, “We will go up by the highway; and if we drink your water, I and my livestock, then I will give its price. Only let me, without doing anything else, pass through on my feet.”
20 Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan: “Isin asiin hin dabartan.” Edoomis loltoota baayʼee fi jajjaboo fudhatee isaanitti gad baʼe.
He said, “You shall not pass through.” Edom came out against him with many people, and with a strong hand.
21 Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan.
Thus Edom refused to give Israel passage through his border, so Israel turned away from him.
22 Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe.
They traveled from Kadesh, and the children of Israel, even the whole congregation, came to Mount Hor.
23 Waaqayyos Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Musee fi Arooniin akkana jedhe;
The LORD spoke to Moses and Aaron in Mount Hor, by the border of the land of Edom, saying,
24 “Aroon gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu.
“Aaron shall be gathered to his people; for he shall not enter into the land which I have given to the children of Israel, because you rebelled against my word at the waters of Meribah.
25 Aroonii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi.
Take Aaron and Eleazar his son, and bring them up to Mount Hor;
26 Aroon irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Aroon gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa.”
and strip Aaron of his garments, and put them on Eleazar his son. Aaron shall be gathered, and shall die there.”
27 Museen akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan.
Moses did as the LORD commanded. They went up onto Mount Hor in the sight of all the congregation.
28 Museenis uffata Aroon irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Aroonis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Musee fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan;
Moses stripped Aaron of his garments, and put them on Eleazar his son. Aaron died there on the top of the mountain, and Moses and Eleazar came down from the mountain.
29 yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Aroon duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef.
When all the congregation saw that Aaron was dead, they wept for Aaron thirty days, even all the house of Israel.

< Lakkoobsa 20 >