< Faarfannaa 107 >

1 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
“BOOK V.” O give thanks to the LORD, for he is good; For his mercy endureth for ever!
2 Warri Waaqayyo isaan fure, warri inni harka diinaatii baase,
Let the redeemed of the LORD say it, Whom he hath redeemed from the hand of the enemy;
3 warri inni biyya gara garaatii, baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.
Whom he hath gathered from the lands, From the east, the west, the north, and the south.
4 Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran; magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.
They were wandering in the wilderness, in a desert, They found no way to a city to dwell in.
5 Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis; lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.
They were hungry and thirsty, And their souls fainted within them.
6 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
Then they cried to the LORD in their trouble, And he delivered them out of their distress.
7 Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.
He led them in a straight way, Till they came to a city where they might dwell.
8 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
O let them praise the LORD for his goodness, For his wonderful works to the children of men!
9 inni warra dheebotan dheebuu baasee warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
For he satisfieth the thirsty, And the hungry he filleth with good.
10 Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa, dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;
They dwelt in darkness and the shadow of death, Being bound in affliction and iron;
11 isaan dubbii Waaqaatti fincilanii gorsa Waaqa Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.
Because they disobeyed the commands of God, And contemned the will of the Most High;
12 Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne; isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
Their hearts he brought down by hardship; They fell down, and there was none to help.
13 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
But they cried to the LORD in their trouble, And he saved them out of their distresses;
14 Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase; foncaa isaanis gargar kukkute.
He brought them out of darkness and the shadow of death, And brake their bands asunder.
15 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan;
O let them praise the LORD for his goodness, For his wonderful works to the children of men!
16 inni balbalawwan naasii caccabsee danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.
For he hath broken the gates of brass, And cut the bars of iron asunder.
17 Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman; sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.
The foolish, because of their transgressions, And because of their iniquities, were afflicted;
18 Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii afaan boolla duʼaa gaʼan.
They abhorred all kinds of food; They were near to the gates of death.
19 Rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
Then they cried to the LORD in their trouble, And he delivered them out of their distresses;
20 Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise; awwaala keessaas isaan baase.
He sent his word, and healed them, And saved them from their destruction.
21 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Waaqayyoon haa galateeffatan!
O let them praise the LORD for his goodness, For his wonderful works to the children of men!
22 Aarsaa galataa haa dhiʼeessan; faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.
Let them offer the sacrifices of thanksgiving, And declare his works with joy!
23 Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii bishaanota gurguddaa irratti daldalan.
They who go down to the sea in ships, And do business in great waters,
24 Isaanis hojii Waaqayyootii fi hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.
These see the works of the LORD, And his wonders in the deep.
25 Inni dubbatee bubbee jabaa dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.
He commandeth, and raiseth the stormy wind, Which lifteth high the waves.
26 Isaan samiitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan; rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.
They mount up to the heavens, They sink down to the depths, Their soul melteth with distress;
27 Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran ogummaan isaanis faayidaa dhabe.
They reel and stagger like a drunken man, And all their skill is vain.
28 Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
Then they cry to the LORD in their trouble, And he saveth them out of their distresses;
29 Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
He turneth the storm into a calm, And the waves are hushed;
30 Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan; haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.
Then they rejoice that they are still, And he bringeth them to their desired haven.
31 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan.
O let them praise the LORD for his goodness. For his wonderful works to the children of men!
32 Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan; wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.
Let them extol him in the congregation of the people, And praise him in the assembly of the elders!
33 Innis lagoota gammoojjii taasisee burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;
He turneth rivers into a desert, And springs of water into dry ground;
34 sababii hammina warra achi jiraataniitiif, biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.
A fruitful land into barrenness, For the wickedness of them that dwell therein.
35 Gammoojjii kuusaa bishaaniitti, lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;
He turneth the desert into a lake of water, And dry ground into springs of water;
36 inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe; isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.
And there he causeth the hungry to dwell, And they build a city for a dwelling-place,
37 Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan; midhaan gaariis argatan.
And sow fields and plant vineyards, Which yield a fruitful increase.
38 Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale; akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.
He blesseth them, so that they multiply greatly, And suffereth not their cattle to decrease.
39 Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,
When they are diminished and brought low By oppression, affliction, and sorrow,
40 inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.
He poureth contempt upon princes, And causeth them to wander in a pathless wilderness;
41 Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase; maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.
But he raiseth the poor from their affliction, And increaseth their families like a flock.
42 Qajeeltonni waan kana arganii ililchu; hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.
The righteous see it and rejoice, And all iniquity shutteth her mouth.
43 Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu; jaalala Waaqayyoo kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.
Whoso is wise, let him observe this, And have regard to the loving-kindness of the LORD!

< Faarfannaa 107 >