< Faarfannaa 140 >

1 Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi; namoota finciltoota
למנצח מזמור לדוד חלצני יהוה מאדם רע מאיש חמסים תנצרני׃
2 warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
אשר חשבו רעות בלב כל יום יגורו מלחמות׃
3 Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu; hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
שננו לשונם כמו נחש חמת עכשוב תחת שפתימו סלה׃
4 Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi; namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
שמרני יהוה מידי רשע מאיש חמסים תנצרני אשר חשבו לדחות פעמי׃
5 Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru; ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru; karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
טמנו גאים פח לי וחבלים פרשו רשת ליד מעגל מקשים שתו לי סלה׃
6 Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha. Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.
אמרתי ליהוה אלי אתה האזינה יהוה קול תחנוני׃
7 Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa, ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
יהוה אדני עז ישועתי סכתה לראשי ביום נשק׃
8 Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin; akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
אל תתן יהוה מאויי רשע זממו אל תפק ירומו סלה׃
9 Mataan warra na marsanii, hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
ראש מסבי עמל שפתימו יכסומו׃
10 Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu; isaan ibiddatti illee haa darbataman; akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
ימיטו עליהם גחלים באש יפלם במהמרות בל יקומו׃
11 Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin; namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
איש לשון בל יכון בארץ איש חמס רע יצודנו למדחפת׃
12 Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
ידעת כי יעשה יהוה דין עני משפט אבינים׃
13 Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata; namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.
אך צדיקים יודו לשמך ישבו ישרים את פניך׃

< Faarfannaa 140 >