< Faarfannaa 146 >

1 Haalleluuyaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu. 2 Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha; ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha. 3 Abdii keessan bulchitoota irra, namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa. 4 Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu; guyyuma sanas karoorri isaanii bada. 5 Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha. 6 Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti; inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata. 7 Inni warra cunqurfamaniif ni mura; warra beelaʼaniif nyaata kenna. Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika; 8 Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna; Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba; Waaqayyo qajeeltota ni jaallata. 9 Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa; karaa jalʼootaa garuu ni balleessa. 10 Waaqayyo bara baraan ni moʼa; Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa. Haalleluuyaa.

< Faarfannaa 146 >