< Faarfannaa 30 >

1 Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef, ani sin jajadha. 2 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte. 3 Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte; akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte. (Sheol h7585) 4 Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa; maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa. 5 Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa. 6 Anis yommuun nagaa argadhetti, “Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe. 7 Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin akka tulluu jabaatti na dhaabde; yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu naasuutu na qabate. 8 Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha: 9 “Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas faayidaa maaliitu argama? Biyyoon si galateeffataa? Amanamummaa kees ni odeessaa? 10 Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris; Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.” 11 Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte; wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte; 12 kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

< Faarfannaa 30 >