< Faarfannaa 65 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata; wareegni keenyas siif galfama.
[For the Chief Musician. A Psalm by David. A song.] Praise awaits you, God, in Zion. And to you shall vows be performed.
2 Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu, namni hundinuu gara kee ni dhufa.
You who hear prayer, to you all men will come.
3 Yeroo cubbuun na moʼattetti, ati yakka keenya nuu dhiifteerta.
Sins overwhelmed me, but you atoned for our transgressions.
4 Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha! Nus waan gaarii mana keetiitiin, kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
Blessed is the one you choose and bring near, that he may dwell in your courts. We will be filled with the goodness of your house, your holy temple.
5 Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita; daarii lafaa hundumaaf, galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;
By awesome deeds of righteousness, you answer us, God of our salvation. You who are the hope of every part of the earth, of those who are far away on the sea;
6 ati humna uffatteerta; jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;
Who by his power forms the mountains, having armed yourself with strength;
7 ati huursaa galaanaa, huursaa dhaʼaa bishaanii, raafama uummataas ni calʼisiifte.
who stills the roaring of the seas, the roaring of their waves, and the turmoil of the nations.
8 Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu; ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti, akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.
They also who dwell in faraway places are afraid at your wonders. You call the morning's dawn and the evening with songs of joy.
9 Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta; akka malees ni gabbifta; akka namootaaf midhaan kennaniifis lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru; ati kanumaaf qopheessiteertaatii.
You visit the earth, and water it. You greatly enrich it. The river of God is full of water. You provide them grain, for so you have ordained it.
10 Boʼoo isaa bishaan quubsita; biyyoo isaas wal qixxeessita; tiifuu bokkaatiinis ni jiifta; biqila isaas ni eebbifta.
You drench its furrows. You level its ridges. You soften it with showers. You bless it with a crop.
11 Gaarummaa keetiin bara ni gonfita; daandiiwwan kees cooma coccobsu.
You crown the year with your bounty. Your carts overflow with abundance.
12 Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa; gaarranis gammachuudhaan guutamu.
The wilderness grasslands overflow. The hills are clothed with gladness.
13 Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu; sululoonni midhaaniin haguugamu; isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.
The pastures are covered with flocks. The valleys also are clothed with grain. They shout for joy. They also sing.

< Faarfannaa 65 >