< Zaburi 42 >

1 Kama ayala ayatamanivyo maji ya mto. ndivyo hivyo ninakiu yako, Mungu.
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana, yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
2 Ninakiu yako Mungu, Mungu uliye hai, ni lini nitaonekana mbele zako?
Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti. Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?
3 Machozi yangu yamekuwa ni chakula changu mchana na usiku, wakati maadui zangu siku zote wanasema, “Yuko wapi Mungu wako?”
Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera; namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii.
4 Mambo haya niayakumbuka ninapoumimina roho yangu: nilipoenda na umati wa watu na kuwaongoza kwenye nyumba ya Mungu kwa sauti ya shangwe na kusifu, ni wengi tulisherekea.
Ani yommuun waan kana yaadadhutti, lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa: ilillee fi faarfannaa galataatiin tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko, hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.
5 Roho yangu, kwa nini unainama? Kwa nini unahuzuni ndani yangu? Mtumaini Mungu, Kwa kuwa kwa mara nyingine nitamsifu yeye ambaye ni wokovu wangu.
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; ani amma iyyuu isa nan jajadha. Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
6 Mungu wangu, roho yangu imeinama ndani yangu, kwa hiyo ninakukumbuka toka nchi ya Yordani, toka kwenye vilele vitatu vya mlima Hermoni, na toka mlima wa Mizari.
Lubbuun koo na keessatti gadditeerti; kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa, fiixee Hermoonii fi Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.
7 Kina huita kina kwenye kelele za maporomoko ya maji yako; mawimbi na mafuriko yako yote yako juu yangu.
Huursaa fincaaʼaa keetiitiin, tuujubni tuujuba waama; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.
8 Wakati wa mchana Yahwe ataamuru uaminifu wa agano lake; na usiku wimbo wake utakuwa nami, ombi kwa Mungu wa uhai wangu.
Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja; halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira; kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.
9 Nami nitasema kwa Mungu wangu, mwamba wangu, “Kwa nini umenisahau? Kwa nini ninaenenda katika maombolezo kwa sababu ya ukandamizaji wa adui yangu?”
Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha; “Ati maaliif na dagatte? Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”
10 Kama upanga mifupani pangu, maadui zangu wananikemea, siku zote wakiniambia, “Yuko wapi Mungu wako?”
Amajaajonni koo guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan, akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.
11 Roho yangu, kwa nini umeinama chini? Kwa nini unahuzuni ndani yangu? Mtumaini Mungu kwa kuwa nitamsifu tena yeye aliye wokovu wangu na Mungu wangu.
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

< Zaburi 42 >